header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Qondaala Dhimma Nageenya Ameerikaa fi gorsaa prezdaant Traamp kan duraanii irratti himannaan baname


Dhimma nageenya Ameerikaa irratti gorsaa Traamp kan ture Maayikil Fliin irratti manni marii “special counsil” jechuun moggafame himannaa kan bane tahuu beeksise.
Himannaan Mr Fliin irratti baname kun “waajjira qorannoo Ameerikaatiif odeeyfannoo sobaa kennuu isaatiin” akka ta’e gabaasni arganne ni mul’isa.
Akka himannaan kun mul’isutti, Maaykil Fliin Prezdaant Traamp muudamuun duratti Ambaasadara Ruusiyaa waliin haasayuu isaa Waajjirri qorannoo Ameerikaa yemmuu gaafatu kan waakkate tahuu ibsa.
Haata’u malee Booda irratti qorannoo adeemsifameen Mr Fliin Ambasadara Ruusiyaa waliin kan walqunnamaa ture akka ta’e eega mirkanayee booda taayitaa irraa kan ari’ame tahuun niyaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button