header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Qondaalli Dargii tokko yakka waraanaatiin mana murtii Neezarlaanditti himatame.

Guyyaa kaleessa  namni qondala mootummaa Dargii ture kan Isheetuu Alamuu  jedhamu, Abbaa Alangaa Mootummaa Neezarlaandiitiin himatamee, mana murtii  Zeheeg kan dhiyaate tahuu gabaasni arganne nimul’isa.

Mr Isheetuu Alamuu waggaa 40 dura qondaala mootummaa dargii ta’uun yeroo Kutaa Goojjaam keessa hojjataa turetti, hidhamtoota siyaasaa dararuu fi ajjeechaa Goolii Diimaatiin  himatame. Isheetuu Alamuu jecha mana murtiitiif kenneen akka jedhetti, Miseensa Dargii turuu isaa amanuudhaan “ajjeechaa Goolii Diimaa mootummaan dargii adeemsisaa tureef, maatii miidhamtootaafii ummata Itoophiyaa hunda dhiifama gaaffadha” jedhe. Haata’u malee himata amma narratti dhiyaate kana ani hinraawwanne, yeroo jedhametti iddo sana hinturre jechuun” waakkate.

Himannaa mootummaan Neezarlaandi qondaala dargii duraanii kanarratti baneefi, namoonni yeroo san lubbuun hafanii fi maatiin miidhamtootaa biyyoota adda addaa irraa Zeheegitti argamuun Ragaa bayaniiru. Namoota ragaa bayan keessa Namni ajjechaa san irra hafe kan Worquu Daammanaa Yifruu jedhamu, Ragaa mana murtichaatiif kenneen, August 1978 A.L.A.namoota akka ajjeefaman itti murtaaye osoo loltoonni dhufanii ajjeechaa hinraawwatiniin dura, mana hidhaa keessaa maqaa kan yaamaa ture Mr Isheetuu Alamuu  akka ta’eefi, hiriyyootni isaa guyyaa san maqaan yaamame achumatti ajjeeffamanii bakka tokkotti kan awwaalaman ta’uu ibse.

Mr Isheetuu Alamuu eega dargiin badee booda gara Neezarlaanditti baqatuun lammummaa biyyatti kan argate yoo tahu, yeroo ammaa nama umrii 63 akka ta’e gabaasni kun ni mul’isa.

Mootummaan Dargii Koloneel Mangistuu Haylamariyamiin durfamaa ture, ajjechaa Goolii Diimaa jedhamuun, barattoota yunivarsiitii, hayyoota, daldaltoota fi namoota siyaasaa walumaa galatti lammiilee biyyattii 150,000 ol kan ajjeesse tahuu ragaaleen adda addaa ni mul’isu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button