header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qondaaltota Naannoo Amaaraa yaalii fonqolcha mootummaatiin shakkamanii hidhaman jidduu sadi wabiin akka lakkifaman murtaahe

Waxabajjii 15/2011 yaalii fonqolcha mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa irratti geggeeffameen, Prezdaantii naannichaa dabalatee qondaaltonni nannichaa fi hoggantoonni raayyaa ittisa biyyaa ol’aanoon ajjeefamuun ni yaadatama.  Kanuma hordofuun qondaltota poolisii fi milishaa naannichaa dabalatee namoonni heddu qabamanii kan hidhaman yoo tahu,  namoota kanneen jidduu qondaaltonni 3 wabiin akka gadi lakkifaman murtaahe.

Haaluma kanaan, Birgaadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo, Koloneel Allabal Amaare, Koloneel Baamlaakuu Aabbaay ,  wabii Birrii kuma 10tiin akka hidhaa irraa gadi lakkifaman murtaa’e. Abbaan Alngaa mootummaa naannichaa akka jedhetti, qorannoon yakkaa isaan irratti geggeeffamaa ture waan xumurameef, adeemsa murtichaa mana hidhaatii bahanii alaan akka hordofan kan murtaaye tahuu beeksise.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button