header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qorannoo ajjeechaa aanga’oota mootummaa irratti Waxabajjii 15 raawatameen walqabate geggeeffamaa ture xumuramuun ibsame

Yakka ajjeechaa waxabajjii 15 aanga’oota mootummaa naannoo Amaaraa fi qondaaltoota Raayyaa ittisa biyyaa irratti raawatameen walqabate, Abbaan Alangaa Federaalaa qorannoon xumuramuu ibse.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa, Obbo Birhaanuu Tsaggaayee ibsa dhimma kanarratti har’a waaree booda Miidiyaaleef kenneen, yakkichi qindeesuummaa Asaamminoo Tsigeen raawwachuu, dhimma kana raawwachuuf immoo maddi baajataa mana mootummaa fi abbootii qabeenyaa dhuunfaa akka tureefi, Akkasumas karoorrichi Jeneraal Sa’aaree Makonnin qofa osoo hin taane Jeneraal Birhaanuu Juulaas kan dabalatee ture tahuu ibse.

Yakka kanaan walqabatee namoota magaalaa Finfinnee irraa shakkamanii qabaman jidduu, shan himannaa irratti banuuf qophiin xumuramee jira. Shakkamtoonni 61 ammoo mirgi wabii eeggamuu ibsuun, shakkamtoonni 13 ta’an ragaan isaanii qoratamaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dabalataanis shakkamtoota magaalaa Bahar Daar irraa qabaman keessaa 55 himannaan kan irratti banamu yoo ta’u,15 ammoo qorannoo irra jiraatuun ibsame.
Gochichi yaalii fonqolcha mootummaa tahuu fi yakki kun qaama mootummaan, mootummaa irratti waan raawwatameef qorannoof walxaxaa taasiisee ture jedhe.

#Abbaa_Alangaa #Federaalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button