header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qubsuma lammiilee buqqifamanii ijaaruuf ulamaa’onni dhagaa bu’uraa kaahan.

Ulamaa’onni keenya iddoo lammiileen Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqa’an itti qubsiisuuf karoorfame irratti dhakaa bu’uuraa kaahan.

Lammiilee keenya kan naannoo Soomalee irraa buqqifamuun Kaampii adda addaatti argamaniif iddoo manneen jireenyaa irratti ijaaramu kan bulchiinsi magaalaa Buraayyuu keenne irratti, Ulama’oonni biyya keenyaa ijaarsi manneenii akka jalqabamuufi dhakaa bu’uuraa kahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Lafti kunis kan keenname sabaabaa lammiileen Oromoo Sa’udii keessa jiraatan deeggarsa walitti qabuun karaa bakka bu’aa isaaniitiin deggarsa isaanii erganiif akka tahes beekameera.

Sagantaa dhagaa bu’uuraa ka’uu kana irratti Ulama’oonni biyya keenya gurguddoon akka Sheekh Ahmad Watar, Aadam Tuulaa fi Sheekh Musaa Su’alaa argamuu isaanii maddeen keenya nuf gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button