header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Raayyaan ittisaa Iddoowwan rakkoo nageenyaa qaban tasgabbeessaa jiraatuun ibsame.

Ministeerri raayyaa Ittisa biyya Obbo Mootummaa Maqaasaa ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef kenne irratti; “Raayyaan Ittisa biyyaa rakkoo nageenyaa naannoo Somaaleetti magaalaa Jigjigaa fi magaalota biroo mudate tasgabbeessuuf hojjataa jira. Nageenya naannichaa yeroo tokkoon bakka duraan turetti deebisuun kan ulfaatu tahus, rakkoo uumamu hordofaa tasgabbeessuuf raayyyaan Ittisa biyya qophii gahaa godhee jira”jedhe.

Ministeerichi itti dabaluun, naannichi yeroo amma toohannaa raayyaa ittisaa jala waan jiruuf, sodaan waraanni guddaan ni ka’a jedhamu kan hin jirre tahuu dubbate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button