Og-Barruu

Rakkoon Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Keessa Jiru Maal?

Mul’anni Dhaabbata waaraa ijaaruu namoota aangoo irra jiraniin gufateera

Ustaaz Ahmaddin Jabal irraa

Rakkoolee bakka hundaa Muslimoota mudatuufi kan akka biyyaatti uumamuuf furmaata barbaacha walii isaaniitii, ummataafi mootummaa wajjin ni mari’atu jettee osoo eegduu “akkamiin waa’ee filannoo kana ummata dagachiifnee filannoon maleetti hogganaa majlisaa taanee bakkicha irra turra?” Jechuu irraa ka’uudhaan ummata qoodaafi rakkoo uumaa turaniiru.

Miseensi Ulamoota 26fi boordii torbanii kanneen Mana marii dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa yeroo ce’umsaaf akka hoggananiifi sanadoota jiran mirkaneessuuf fudhatan yaa’ii walii galaa yeroo Dubaayitti waamamanii marsaa tokkittii geggeessaniin ala waggaa lamaan kana keessa dambii bulmaataa mirkaneessuuf wal ga’uu dhiisaatii dhimma dhaabichaa irrattillee akka hin mari’anneef gufuu ta’anii jiru.

Kana bira kutee miseensa ulamoota 26 keessaa gariin akka yaa’iin walii galaa waamamuuf mallatteessanii galchanis ‘kana hin fudhu’ jechuun Muummee Ministeeraatii hanga itti aanaatti, biiroo dhimma nageenyaafi ministeera nageenyaa, waajjira poolisiitii hanga humna tasgabbeessaa, paartii badhaadhinaa Obbo Binnaalfii hanga pirezdaantii naannoo Amaaraa Agenyahuu Tashaagar, namoota Dubaayiitii hanga duuriyyoota Finfinneetti jeequmsaaf qopheeffatee bira deddeebi’uun boordii majlisa federaalaa warra dambiin bulmaataa haa mirkanaa’u jedhan ariisisuuf “na gargaaraa, yoo boordiin kun hin ari’amne ani dhiiseen deema” jechuudhaan osoo homaa hin qaanfatin ulamoota kaan fuulduratti sodaachisuun deeggarsa argachuuf sochii itti fufe.

Yeroo ji’a ja’aa keessatti wixinee dambii ittiin bulmaataafi sanada waadaa tokkummaa koree jijjiirama dhaabaa saglaniin qopheeffamee itti kennme mirkaneessanii kallattii isaaniitiin filannoo geggeessuudhaan fedhii ummataatiin hoggantoota haaraa filachiisanii hojii isaanitti dabarsuu dhiisanii tooftaa aangoof haala mijeeffachuutti seenan. Amma immoo sana bira kutanii “ji’a ja’aaf wanti jedhamu, ce’umsa wanti jedhamu hin jiru nuti dhaabbataadha” jechuu jalqaban.

Boordiin hoggansa hojii dambii majlisaafi sanada tokkummaa ulamaa akka mirkaneessuuf itti kenname mirkaneessuufi filannoo ummanni irraa eegu geggeessuuf socho’us galmaan ga’a jedhanii eeguun abjuu ta’eera. Amaanichi namoota itti kennameen majlisni dhaabbataan akka hin filatamne gufateera.

Miidhaa rakkoon kun fidu dhuunfaafi gareen itti himtee, gorsiteefi gorsisiiftee, obsaan cinaa isaa dhaabattee yeroo kenniteefii,  rakkoon jiru mariifi jaarsummaan akka furamuuf ji’a baayyeef yaaliin godhamee carraan kennameefii, yeroo ammaa ogga biyyattiin rakkoo gosa adda addaa keessa seentu kallattiidhuma badii sanaan itti fufuu filatanii iyyannoo, kadhaafi watwaata ulamootaafi boordii waliin filatamaniifi kadhaa manguddootaa homaatti lakkaa’uu dhiisuudhaan hundaayyuu gurra bira dabarsuudhaan Muslimoota qabsoo marsaa biraatiif qopheessuun aarsaa dabalataa kafalchiisuuf ka’uun “warri kun ergama eenyuu fudhatan?” jechuudhaan warri itti siqatanillee hanga gaafatan ga’an. Warra kanaan seeraan ala jechuu malee wanti biraa hin jiru.

Waan aarsaan guddaan itti kafalame kana duwwaa hambisuuf yoo kallattima kanaan itti fufanii osoo ati isaan kabajjuu yoo bakka sanatti argamuu dhaban taateen itti aanu badii keetii miti. Kanaafuu Muslimoonni abbaa dhaabbatichaa waan ta’aniif dhaabbatichi kan namoota dhuunfaa akka hin taane, kan inni qabsaa’ee fideef namni inni barbaade filamee akka hogganuuf malee meeshaa taphaa akka ta’uuf miti. Ummata aarsaa sana hunda kaffaleefi abdii guddaan eeggataa jiru tuffachuun xinneenyaafi gatii guddaa kafaluuf nama saaxila.

Yeroo kana hunda kan nuti obsaan eegneef guyyaa tokko qalbii isaaniitti deebi’anii gorfamanii hojii hiika qabu tokkorra ga’u abdii jedhuun ture. Amma immoo ummanni dhaabbatichi kooti jedhee murteessuu dhiisii warri yeroodhaaf koree nama sagaliitiin filataman yeroo biyyattiin rakkoo keessa jirtu, qabatama jiru akka carraatti ilaaluudhaan ulamootaafi boordii filataman achirraa ari’uudhaan sochii dhaabicha diiguu keessa seenan. Kana booda obsuuniifi rakkooleen keessoo dhokfamanii dirree akka hin baane gochuun ga’eera. Dhaabbata waaraa ijaaruun namoota aangoo irra jiraniin gufateera. Ummanni Muslimaa dhugaa jiru baruudhaan yoo barbaade akkuma duraan qabsaa’aa ture bifa barbaadeen qabsaa’ee mirga isaa kabachiisuun filannoo isaati.

Show More

...

Back to top button