header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Ramadaanaa fi Qur’aana

Ramadaanni carraa guddaa dalagaa gaarii itti sassaabatanii fi dalagaa badaaf ammoo ji’a araarama Rabbirraa itti kadhataniidha. Ji’oota kudha tokko badiin dabarsan keessaa bahanii jireenya haarawatti ce’uuf Ramadaanni carraa hin argamneedha.

Kanaafuu ji’a Rahmataa kana keessa hojii gaarii heddummeessuun, hojii hamaa irraa ammoo dheessun jireenya nama mu’minaa ni jijjiira, ni foyyeessa. Hojiwwan gaggariin baay’etu jiru. Keessaa filatanii hanga humni namaa danda’een dalaguuf tattaafachutu barbaachisa.

Hojiiwwan gaggaari keessaa salaata baay’isanii salaatu, Qur’aana qara’uu, zikrii gochuu fi beekumsa barachuudha. Salaata taraawi dhabbachuuf tattaafachu.

Zikriin guddaan karaa Rabbiin ittiin yaadatan ammoo Qur’aana. Qur’aana qara’uun ajrii(mindaa) guddaa argachuu dandeenya. Qur’aanni mindaa argamsiisu qofaa miti, jireenya ilma namaa jijjiira. Yommuu Qur’aana qaraanu akka gaazexaa kan dubbisnu osoo hin ta’in tadabbura (xiinxalliin) dubbisuuf yaaluu qabna. Hiika isaa beekuf taattafachuu qabna.

Ji’a kana keessa Qur’aana qo’achuu, dhageefachuu fi xiinxalliin dubbisuun jireenya keenya jijjiruu dandeenya. Amala fi bartee badaa keenya ofirraa baasu dandeenya. Sababni isaas Qur’aanni qalbiif qoricha.


يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ قَدْ جَآءَتْكُم مَّوْعِظَةٌ مِّن رَّبِّكُمْ وَشِفَآءٌ لِّمَا فِى ٱلصُّدُورِ وَهُدًى وَرَحْمَةٌ لِّلْمُؤْمِنِينَ

“Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti gorsi Gooftaa keesssan irraa taate, waan qoma keessa jiruuf qoricha tan taate, mu’imintootaf qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.”Suurat Yuunus 10:57

Wanti qoma keessa jiru shirkii, shakkii, nifaaqa, jibba, waanyoo, wallaalummaa fi kan kana fakkaataniidha. Qur’aanni wantoota akkanaa irraa hayyama Rabbiitin nama fayyisa. Namni dhibeewwan kanniin irraa fayyuuf Qur’aanatti gore dhugumatti ni milkaa’a. kan kanaan ala wanta  biraatti gore yommiyyuu furmaata hin argatu. Kanaafu Qur’aana barachuun, qo’achuun jireenya keenya jijjiruu fi foyyeessuu dandeenya.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button