header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Ramadaanaa fi Salaataa

Baatiin Ramadaanaa kun Qalbii fi qaama keenna akka Rabbiin nu ajajetti kan itti leenjifnu. Haaluma kanaan yoo milkoofne Ibaadaawwan amma shaakkallu Ji’oota itti aanan keessas kan dur caalatti nuuf salphatu.

Keessumattuu Salaata waajibaatis tahee kan Sunnaa yeroo isaatii fi bareechinee salaatuu ji’a kana keessatti leenjina.
Namni salaata yeroo isaa eegee akkasumas bareechee salaatu salphatti sheyxaanaan hin adamfamu. Namni akkuma salaata sirnaan salaataa adeemuun Rabbitti dhihaachaa, sheyxaana irraa immoo fagaachaa adeema. Salaanni toltutti nama kakaasa hamtuu irraa immoo nama dhowwa.

Rabbiin Suuraah Al-Ankabuut keessatti akkana jedha:

“(Yaa Muhammad) Kitaaba (Qur’aana) irraa waan gara kee buufame dubbisi. Salaata haqa isaa guuti salaati. Dhugumatti salaanni wantoota fokkatoo fi jibbamoo ta’an irraa nama dhorgiti. Zikrii (faaruu) Rabbiitu waan hundaa irra guddaadha. Rabbiis waan isin hojjattan ni beeka.” Suura Al-Ankabuut 29 : 45

اتْلُ مَا أُوحِيَ إِلَيْكَ مِنَ الْكِتَابِ وَأَقِمِ الصَّلَاةَ إِنَّ الصَّلَاةَ تَنْهَى عَنِ الْفَحْشَاء وَالْمُنكَرِ وَلَذِكْرُ اللَّهِ أَكْبَرُ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مَا تَصْنَعُونَ

Yaa Rabbi warra kheeyrii ji’a kana keessa jirtu hunda argatu nu godhi!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button