header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Reebicha Masjiida Abdulqaadiritti raawwatame hoggantoonni majliisa magaalaa Finfinnee harka keessaa qabatuu beekame

Manni marii dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee ( majliisni seeraan alaa) barreeffama fuula feesbuuka isaa irratti maxxanseen, guyyaa hardhaa dhimma nageenya masjiidotaa irratti marii geggeessuu beeksiise.

Hoggantoonni majliisa seeraan alaa marii kana irratti, “masjiidota magaalaa Finfinnee keessatti qaamonni masjiida jeequuf socho’an, kan imaamota masjiidaa sodaachisanii fi waajjiraalee bulchiinsa majliisaa cabsuuf socho’an waan jiraniif, mootummaan tarkaanfii akka irratti fudhatu gaafanna”jechuun, akkuma kanaan dura hawaasa muslimaa himanna dharaatiin maqaa xureessaa turan ammas kan itti fufan tahuu barreeffamni feesbuuka Majliisa Finfinnee irratti maxxanfame ni mul’isa.
Dabalataanis barreefamni kun, hoggantoonni majliisaa aanaalee irraa hanga Federaalaatti argaman kan ummanni filate waan ta’aniif, gareewwan hoggantoota majliisaa aangoo irra jiran kanneen balaaleffatan irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatu ni gaaffanna jedha.

Reebichi guyyaa hardhaa Masjiida Abdulqadiritti raawwatame eega hoggantoonni majliisa seeraan alaa marii kana geggeessan booda tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Hawaasni muslimaa biyya keenyaa, hoggantoonni majliisaa kunniin kan fedhii ummataatiin filataman waan ta’aaniif aangoo irraa akka ka’an fi akkasumas yakka dalagaa turaniif seeran akka gaafataman jechuun sagalee dhageessisaa jiraatus, hanga ammaatti qaama mootummaa irraa deebisaa tokkollee dhabuu isaatiin mufannoo guddaa keessa galee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button