header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Roohingiyaa UPDATE


Mootummaan Ameerikaa ibsa Roobii kaleessaa baase kanaan , dararaan Muslimoota Rohiingiyaa irratti adeemsifamaa jiru duguuggaa sanyii akka ta’e labsuun, qondaaltota waraanaa badii kana keessaa harka qaban irratti tarkaanfii kan fudhatu tahuu akeekkachiise.
Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Riiks Tiilarsan akka jedhetti, “mootummaan Ameerikaa ragaalee argate hundaa ofegannoo cimaan eega qoratee booda, dararaan waraana Miyanmaari fi hidhattoota Budhaatiin Muslimoota Rohingiyaa irratti geggeeffamaa jiru, duguuggaa sanyii kan ofkeessatti hammate tahuu mirkanaayee jira” jechuun ibse.

Mr Tiilarsan ibsa isaa kanaan akka jedhetti, ogeeyyiin idil addunyaa dararaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame  akka qorataniif, Mootummaan Miyanmaar akka hayyamu Ameerikaan kan gaafatte tahuu ibsuudhaan, dabalatanis Yunaayitid Isteet hoggantoota waraana Miyanmaar irratti qoqqobbi kayuudhaaf kan qorataa jirtu tahuu ibse. Haata’u malee mootummaa Miyaanmaar guutuu irra qooqqobbii kayuuf karoora kan hinqabne tahuu ibse.
Dhaabbileen mirga namoomaa  labsii Ameerikaa kana ilaalchisee, “Mootummaan Ameerikaa caldheensa yeroo dheeraa booda labsi kana basuun  sirrii tahus, ammas tarkaanfii cimaa fudhachuu qaba” jechaa jiru.  

 Muslimoonni Rohingiya 600,000 ol tahan dararaa waraana Miyanmaar jalaa qeyee isaanii irraa buqqa’anii   Baangilaadiish keessa kan qubatan yoo tahu, namoonni kuma hedduun lakkaawaman ammoo kan ajjeeffaman tahuu gabaasni mootummoota gamtoomanii ni mul’isa.

November 2,2017





Ejensichi muslimoota Rohingiyaa kanneen duguuggaa sanyii waraana Miyanmaariif 
hordoftoota amantaa Budihaa jalaa lubbuu isaanii baraaruuf,  gara Baangilaadishiitti baqatuun Kaampii Kooks Bazaaritti argamaniif manneen 1000 ijaaruuf karoora isaa kan xumure tahuu ibse.


Hogganaan dhaabbatichaa Deniiz Fenerii

“Ejensiichi karoora ijaarsa manneenii kana jalqabuuf  qophii isaa xumurrun guyyoota muraasa keessatti kan jalqabu taha” jedhe.


Kaayyoon ejensii kanaa lakkoofsa manneen baqattoota kanaa gara 10,000 ol guddisuu akka tahe ibse.
Hagayya 25,2017 irraa kasee muslimoonni Rohingiyaa 607,000 tahan duguuggaa sanyii waraanni mootummaa Miyanmaar isaan irratti raawwata jiru jala lubbuu isaanii baraaruuf, kutaa Rakhiinii irraa gara Baangilaadiishiitti baqatuu gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni addeessa.
Mummichi ministeera Baangilaadiish Abuul Hasan Mahmuud duguggaa sanyii kanaan, ji’a hagayyaa irra kasee muslimoonni Rohingiyaa 3000 oli ajjeefamaniiru jedhe.
Gama biraatiin ammoo Hoggantuun moottummaa Miyanmaar Aangi Saan Suchii, duguuggaan sanyii akka haarayatti Muslimoota Rohingiyaa irratti eega hammaatee asitti, jiha sadi booda  dhiibbaa idil addunyaatiin guyyaa har’aa kutaa Rakhihayine daaw’atte.
 Naannoo lammiileen Rohingiyaa hedduun irraa ajjeeffamanii, 600,000 ol ammoo ji’a sadii keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa’an kana erga daawwatteen booda, haawsni naannichaa nagayaan waliin jiraachuu qabdan qofa jechuudhaan gara dhuftetti deebi’uun isii, ammaas mootummaan Miyanmaar duguuggaa sanyii kanaaf kan  hin dhimmamin ta’uu mul’isa jedhameera.

October 24, 2017




Mummichi ministeera Kanaadaa Jastiin Trawudoo; Muslimoota Rohingiyaa kan duguuggaa sanyii waraanni mootummaa Miyanmaar irratti raawwata jiru jala lubbuu isaanii hambisuuf gara biyyoota oollaatti baqataniif, biyyi isaa deeggarsa doolara miliyoona 9.5 ol kan gumaachitu tahuu ibse.
Akkasumas hariiroo Kanaadaa fi Miyanmaar akka qoratuuf, Bulchaa Kutaa Ontaariyoo duraanii kan ture Bob Rayi mudameera.
Rayi ibsa guyyaa kaleessaa midiyaaleef kenneen
” Torbee dhufu keessa gara Miyanmaar imaluun dhimma kana qoradhee gabaasa mummicha ministeeratiif dhiheessuuf wadaa gala” jechuun dubbate.
Muummichi ministeeraa Jastiin Trawdo ibsa websaayti isaa irratti dabarseen
“Kanaadaan Dhimma Nageenyaa fi deeggarsa namummaa muslimoota Rohingiyaatiif ni yaaddoofti” jedhe.
“Bob Rayi immoo dhimma muslimoota Rohingiyaa kana furuuf mootummaa Kanaadaa gargaruu irratti abdii ciminaan ni hojjata jedhu qaba” jedhe.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) duguggaa sanyii waraanni Miyanmaarii fi hordoftoonni amantaa Budihaa muslimoota Rohingiyaa irratti raawwataniin, ji’a hagayyaa irra hanga ammatti namoonni 600,000 ol lubbuu isaanii hambisuuf gara Baangilaadiishiitti kan baqatan tahuu ibse.
Muummichi ministeera Baangilaadiish Abul Hasan Mahmuud Alii, gocha seeraan alaa waraanni mootummaa Miyanmaar fi hordoftoonni amantaa Budihaa ji’a hagayyaa keessa raawwataniin namoonni 3000 ol ajjeefamaniiru jedhe.
Odeeffannoo biraatiin ammoo Mootummaan Ameerikaa, deeggarsa Raayyaa ittisa mootummaa Miyanmaariif godhaa ture kan dhaabe fi akkasumas qoqqobbiin dinagdee akka irra kaa’amu murteesse.
Bara 2012 irraa kasee hanga ammaatti muslimoonni Rohingiyaa miliyoona tokko ol, duguuggaa sanyii waraanni mootummaa Miyanmaarii fi hordoftootni amantaa Budihaa isaan irratti raawwatan jalaa lubbuu isaanii hambisuuf gara biyyoota oollatti baqatanii jiru.
Namoota miliyoona tokko olii kana keessa immoo 600,0000 kan tahan duguuggaa sanyii waggaa kana ji’a hagayyaa keessa raawwatamuu jalqabeen, kanneen qe’ee isaanii irra buqqifaman tahu gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa argame ni addeessa.

October 18, 2017

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin gargaarsa daa’immanii (UNICEF) ibsa guyyaa hardhaa baaseen,  Daa’imman Muslimoota Rohingiyaa kumaatamaan lakkaayaman, kanneen ajjeechaa waraana mootummaa Miyanmaar jalaa baqatuun Baangilaadiish keessa jiran, ji’a jaha walfaana deeggaruuf doolarri miliyoona torbatamii jaha ($ 76,000,000) kan barbaachisu yoo tahu, kana keessaa hanga ammaatti 7â„… qofti kan argame tahuu ibse.
UNICEF deeggarsi maallaqa dabalaataa hatattamaan yoo hin godhamin, baqattoota Rohingiyaa kan Baangilaadiish seenan deggaru kan dhaabu tahuu akeekachiise.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) baqattoota Rohingiyaa Baangilaadiish seenan kanneeniif, September 2017 hanga February 2018tiitti doolarri miliyoona dhibba Afurii fi Sodoomii Afurii kan barbaachisu yoo tahu, gargaarsi hanga ammaatti biyyoota adda addaa irraa argame doolara Miliyoona dhibba tokkoo fi jaha( $106,000,000) qofa tahuu ibse.
UN ,waraanni mootummaa Miyanmaar ajjeechaa ,gudeedaan shamarran irratti akkasumas tumaa daa’imman muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatuu raagaan kan jiru tahuu fi gocha kanaas duguuggaa sanyiiti  jechuun balaleefate.

October 6, 2017


Turkiyaan gargarsa doolara Miliyoona Shantamii Afur Muslimoota Rohingiyaatiif gumaachuu karoorsite.

Gabaasni Ministira Fayyaa Turkiyaa irraa guyyaa hardhaa bahe, Mootummaan Turkiyaa muslimoota Rohingiyaa kan duguggaa sanyii waraana mootummaa Miyanmaar jalaa lubbuu isaanii baraaruuf, kutaa Rakhiiynii irraa baqatuun Baangilaadiish seenaniif, deggarsa meeshaalee adda addaa doolara Miliyoona 54tti tilmaamamu godhuuf tahuu mul’isa.

Ministirichi gargarsa  kana karaa qondaala Tao’annaa Ittisa balaa Mootummaa Turkiyaatiin kan godhu tahuu miidiyaaleef ibse.

August 25 irraa kaase muslimoonni Rohingiyaa 500,000 ol, qe’ee isaanii irraa buqqa’uun kan Baangilaadiish seenan tahuu, gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irra bahe ni mul’isa.

Ministiri hajaa alaa Baangilaadiish Abuul Hasan Mahmuud Alii
” Duguuggaa sanyii waraanni Mootummaa Miyanmaar fi dursitoonni amantaa Budhaa, dhiheenya kana Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwataniin lubbuun namoota 3000 ol badeera” jedhe.

September 29, 2017


Muslimoota Rohingiyaa Baangilaadishitti baqataniif deeggarsi guddaan kan barbaachisu tahuu ibsame.



Lakkoofsi Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa waraana mootummaa Miyanmaar baqatuun Baangilaadish seenanii 436,000 gahee jira. Muslimoota Rohingiyaa biyya isaanii irraa baqatan kanaaf deeggarsi nyaataa, uffataa fi iddoo jireenyaa guddaa ta’e, hawaasa Addunyaa irraa kan eegamu tahuu  Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti hoogganaan Ejensii baqattootaa (UNHCR) ibse.
Komishinarri Ejensii baqattootaa  Filipoo Grandii guyyaa hardhaa Kaampiilee naannawa Kooks Bazaar kan  kibba Baangilaadishitti argaman kan daawwate yoo tahu, Rakkoon cimaan jiraatu dubbate.
Grandin daaw’annaa booda ibsa midiyaalee kennen:  

“Hanqinnooleen nyaataa, bishaan qulqulluu, iddoo jireenyaa fi tajaajila Fayyaa guddatu jira; kana furuuf immoo deeggarsi guddaatu hawaasa Addunyaa irraa eegama”  jedhe.

Komishiinarri Ejensichaa akka jedhetti, guyyoota muraasaa asitti lakkoofsi baqattoota gara Baangiladish seenanii waan xiqqaataa dhufe fakkaata; haata’u malee ammas namoonni lakkoofsaan heddu ta’an Miyanmaar irraa gara Baangilaadish seenaa akka jiran hime.
Qondaaltonni Baangilaadish gama isaaniitiin akka jedhanitti, baqqattoota galmeessaa kan jiran yoo tahu, baay’inna baqattootaa irraa kan ka’ee hamma barbaadamu kan hindeemin tahuu ibse. Kun immoo gargaarsaa barbaachisaa ta’ee seeraan namoota kanaaf godhuu irratti rakkina kan uume tahuu ibsan.
Mootummaan Miyanmaar baqattoota waraqaa eenyummaa biyya isaa hinqabne, akka lammii biyyattiitti kan hin ilaalleefi haala kamiinuu gara biyyaatti kan hin deebfne tahuu torbaanuma kana keessa ibsuun isaa niyaadatama.

September 12, 2017


Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii Lakkoofsi baqattoota Rohingiyaa gara Bangiladishi seenanii 310,000 ol gahuu beeksise.



Dubbi himtuun ajensii baqattoota (UNHCR) Aadde Aslam Khan hagayya 25/2017 irraa eegalee Muslimoonni Rohingiyaa duguuggaa sanyii jalaa baqatuun daangaa Baangiladish seenan 313,000 kan gayan tahuu Anaadooluu Niiwusiif himte. 
Dhaabbataa mootummoota gamtoomanitti Komishinarri ol’aanaan mirga namoomaa Ziyaa Ra’id Al-Hussen gama isaatiin, mootummaa Miyanmaar gocha hammeenya waraannii biyyattii raawwataa jiru hatattamaan akka dhaabu akeekkachiise. Gochii Miyanmaar keessatti waraanni biyyatti muslimoota Rohingiyaa irratti raawwataa jiru, “fakkeenya duguuggaa sanyii kitaaba baranoota irratti katabamuu malu”jechuun ibse.
Yeroo amma kana mootummaan Miyanmaar duguuggaa sanyii kana akka dhaabu dhiibbaan gama hedduun kan irratti dhiyaataa jiru yoo tahu, chaansilariin Jarman gama dubbi himtuu isiitiin “Mootummaan Miyanmaar duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatu hatattamaan akka dhaabu waamicha dabarsina”jette. 

.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button