header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ruwaandaan baqattoota Liibiyaa keessa jiran jidduu muuraasa fudhachuuf UNHCR waliin walii galtee mallatteessite

Ruwaandaan baqattoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensii Baqattootaa, UNHCR jalatti galmaahanii yeroo ammaa Liibiyaa keessatti argaman jidduu, baqattoota 500 fudhachuuf waadaa galte. Haaluma kanaan Mootummaan Ruwaandaa, Gamtaan Afrikaa fi UNHCR har’a Finfinnee keessatti sanadii walii galtee kan mallatteessan tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

 

Akkaataa walii galtee kanaatiin baqattoonni Liibiyaa irraa gara Ruwaandaatti geeffamuuf jiran,  maatiiwwan daa’imman waliin manneen hidhaa Liibiyaa keessatti argaman yoo tahan, Ruwaandaa keessatti hayyama dalagachuu dabalatee gara biyya sadaffaatti baqattummaan ce’uudhaafis mirga kan qaban tahuu ibsame.

 

Ruwaandaan yeroo ammaa baqattoota lammiilee Koongoo DRC fi Buruundii kumaatamaan lakkaahaman kan keessummeessaa jirtu tahuu odeeyfannoon ni mul’isa. Dabalataanis bara 2017 biyyoonni Awrooppaa baqattoota Afrikaa irraa kan hin fudhanne tahuu beeksisuu isaanii hordofuun, Ruwaandaan lammiilee Afrikaa ofitti kan fudhattu tahuu waadaa galtee turte.

 

Baqattoota 5000 ol yeroo ammaa manneen hidhaa Liibiyaa keessatti argaman jidduu, dhibbeentaan 70 baqattoota UNHCR jalatti koolugaltummaa gaafatan tahuus, gabaasni Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii irraa argame ni addeessa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button