header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sa’aad Hariirii guyya lama keessatti gara Lubnaanitti kan deebi’u tahuu ibse.

Mummichi Ministeera Lubnaan Sa’aad Hariirii torbee dabre keessa gara Sa’udii eega imalee booda, aangoo fedhii isaatiin lakkisu labsee ture, Mootummaan Lubnaan immoo Hariiriin akka gara biyya isaa hin deebine Sa’udiin uggurte jechuun himataa ture.

Haata’uu malee Sa’aad Hariirii guyyaa lama dura Sa’udii keessa bilisaan akka jiruu fi gara biyyaattis dhihootti ni deebi’a jechuun alatti, guyyaa kana deebi’a kan hin jedhiin yoo tahu, lammiileen Lubnaan immoo ibsa kana kan kenne dirqameeti jechaa turan.

Ibsa guyyaa hardhaa kennen immoo guyyaa lama booda gara biyya isaatti ni deebi’a jechuu isaa odeeffannoon Anadolu Niiwuus irraa argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button