header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooSaayinsiif Teknoolojii

Saatalaayitiin Emreets Suuraa Plaaneetii Mars erguu jalqabde

Emreets Rokeetii qorannoo Hawaa “Hope”jechuun moggaaste ji’a saddeet dura gara Plaaneetii Mars jedhamtu erguun, biyyoota Arabaa keessaa tan jalqabaa akka taate gabaasuun keenna ni yaadatama. Haaluma kanaan Rokeetiin Saatalaayitii qorannoo baadhate tun kibxata dabre Marsi irraa kilomeetra 1000 irratti Orbiitii irra qubachuun pilaanetii diimtuu irra maruun qorannoo kan jalqabde akka taheefi, Suuraalee heddus kan ergite tahuu gabaafame.


Kanuma hordofuun Turkiyaa dabalatee biyyoonni heddu milkaa’ina satalaayitii kanaa ilaalchisee Emreetiif ergaa baga gammaddanii ibsataa jiran. Hanga har’aatti Ameerikaa fi Chaayinaa dabalatee biyyoota saddeet qofatu Mars irratti qorannoo geggeessaa jira. Rokeetiin gara Mars ergamte tun haala qilleensaa Plaaneetii tanaa qorachuu irratti kan xiyyeeffattu akka taheefi, biyyattiin guddina diinagdee beekumsa saayinsii fi teeknoolojii irratti hundaaye jalqabuu isii kan agarsiisu tahuus ibsamaa jira.

Rokeetiin Hope buufata biyya Jaappaan keessatti argamu irraa Waxabajjii dabre dachii gadi lakkiftee imala jalqabde.

Plaanettiin Mars dachii irraa Kilomeetra miiliyoona 494 kan fagaattu yoo tahu tahu, Hope sa’aa tokkotti kilomeetra 121,000 imaluun ji’a saddeet booda naannawa Orbiitii Plaaneetii Mars irra qubatte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button