header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagalee guddiftuun Masjiida Askoo akka kaafamu ajajame

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee naannawa Askootti kan argamu masjiidni Askoo, meeshaa sagalee guddisu kan Azaanni godhamuun akka hin fayyadamne ajajame.

Waajirri Haqaa aanaa 15 xalayaa guyyaa kaleessaa barreesseen, guyyaa boruu bitootessa 4/ 2011 irraa kaasee, galgala sa’aa 1:50 booda masjiidichi meeshaa sagalee guddisu kan Azaanni godhamuun akka hin fayyadamne ajajame. Waajjirichi xalayaa akeekkachiisaa masjiidaaf ergeen,  guyyaa jedhame booda masjiidichi sagalee guddiftuu yoo kan fayyadamu ta’e tarkaanfii kan fudhatu ta’u ibse.

 

Akkasumas xalayuuma kana irratti bulchiinsi aanaa 15 masjiida waggaa 11 oliif hawaasa tajaajilaa jiru kana, masjiida mootummaa irraa beekkamtii hin argatin jechuun tuffii hawaasa muslimaaf qabu ibsate.

 

 

4 Comments

  1. masjida sagalee irraa kituu jechuun diigaaa jechuudha kanaafuu irraa dhagahuu hinqabnu

    krabiraatiin motummaaan kun amantaa kheysa hinseenu jechaa waan akkanaa hojachuun ofiin of diiguu nechuudha

    kharaa biraatiin ummani islamaa dadhabaa tuffatamaa humaayuu hinbeyne gowwaa walaalaa dandeytii hinqabne jechuudh
    kharabiraatiin . ummata addaan facaasuu fi amantaan walitti buusuudha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button