header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooRNH

Sagantaa Eebba TV Nuuralhudaa Magaalaa Shaashamanneetti

Hawaasni Muslimaa Magaalaa Shaashamannee  Ebla 6/2011 Televizyiina isaa TV Nuuralhudaa Istaadiyoomii magaalaa Shaashamanneetti eebbisuuf qophii isaa xumuree jira.

Sagantaa eebbaa kana irratti Miseensota Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa dabalatee, miseensonni jila Ulamaa’otaa biyya alaa irraa dhiheenya gara biyyaa dhufanii, akkasumas Ulamaa’onnii fi Ustaazonni magaalaa Shasahamannee fi naannawa isiitti argaman, Abbootiin qabeenyaa, bakka bu’oonni mootummaa ni argamu jedhamee eegama.

 

 

Sagantaa Seena qabeessa ta’e kana irratti hawaasni Muslimaa, Abbootiin qabeenyaa magaalaa Shaashamannee fi naannawa isiitti argamtan hundi hirmaattanii dirqama Islaamummaa isin irraa eegamu akka baatan dhaamsi isinii dabree jira.

 

Keessumoota Sagantaa kana irratti affeeraman jidduu:

 

1.Sheikh Abdallaah Idriis

2.Sheikh Sa’uud Muhammad

3.Sheikh Mas’uud Nuuraa

4.Sheikh Huseen Abbaa Daalee

5.Ustaaz Ahmaddiin Jabal

  1. Ustaaz Abdurrahmaan Huseen (Xaalibu Ridallaah)

7.Munshid Abdoosh Aliyyii

8.Munshid Jamal Mangistuu

9.Munshid Mikaa’il Huseen

10.Munshid Hawwii Khadiir

11.Ustaaz Ibsaa Hasan fi keessummoonni biroo hedduun ni argamu jedhamee eegama.

 

Guyyaan: Alhada(Sanbata Guddaa)  Ebla 6/2011

Iddoon:  Istaadiyoomii magaalaa Shaashamannee.

Koree Eebba Tv Nuuralhudaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button