header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sagantaa Marii fi Tumsa Miidiyaa Nuuralhudaa

Akkuma beekamu Miidiyaan Nuuralhudaa eega hundeeffame irraa kaasee kallattii adda addaatiin hawaasa muslimaa tajaajilaa jiraatuun ni beekama. Miidiyaan kun guyyaa hundeeffame irraa kaase gargaarsa Rabbii guddaatiin akkasumas deeggarsa dinagdee Garee Sumayyootaa fi Bilaalootaa irraa godhamuun, yeroo ammaa gara Televiziyoonaa Saatalaayitii ol guddachuun guutuu addunyaa keessatti tamsaasa isaa jalqabee jira.

Yoo Fedhii Rabbii tahe ammoo dhiyootti sagantaalee adda addaatiin hawaasatti bahuuf qophii isaa xumuree jira. Midiyaa kana akka jabaate gad dhaabbatuuf immoo hawaasni biyya keessaa fi biyya alaatis deggarsa irraa eegamu godhuuf iddoo adda addaatti qophii irra kan jiru yoo ta’u, hawaasni Muslimaa G odina Arsii Aanaa Baalee Gasgaar mataduree “Sagantaa Marii fi Tumsa Miidiyaa Nuuralhudaa”jedhuun, Sadaasa 16/2011 sagantaa addaa qopheessaa jiran.
Sagantaa Marii fi Tumsa Miidiyaa Nuuralhudaa kana irratti Ulamaa’ota, Daa’iiwwan, Munshidoonni akkasumas aanga’oonni mootummaa aanichaa hedduun afeeramanii jiru.
Keessummoota Afeeraman jidduu;
Sheikh Alii Jimmaa Naayiroobii Keeniyaa irraa
Hundeessaa fi Hogganaa Garee Sumayyootaa fi Bilaalotaa akkasumas Dura ta’aa Midiiyaa Nuuralhudaa Ustaaz Abdurahmaan Huseen (Ustaaz Xalibuu Ridallaah), Ustaaz Abdul Gaffaar Sheikh Ahmad Adamaa irraa,Dr Kamaal Tilmoo fi Munshidonni hedduun sagantaa kana irratti afferamanii jiru.

Kanaaf Hawaasni Muslimaa aanaa Balee Gasgaar keessa jiraatu Qophii Kheyrii tana irratti akka argamtanii qooda Keessan baatan jechuun, koreen qophii kanaa waamicha godhee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button