header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Da’waa guddaan magaalaa Suruphaatti gaggeeffame.

Guyyaa har’aa godina Booranaa aanaa Goomolee magaalaa Suruphaatti sagantaan da’waa guddaan gaggeeffame. kaayyoon sagantaa kanaa madrasaa magaalattii keessatti argamu haaromsuufi, walitti bu’iinsa daangaa hawaasa naannichaa jidduu tureef araara buusuuf yoo tahu, ulamaa’onniifi daa’iiwwan naannoo adda addatiifi biyya ollaa Keeniyaa irraa dhufan sagantaa kanarratti hirmaatanii jiru.

Hawaasni Muslimaa lakkoofsaan hedduu tahes aanaalee godina Booranaa fi Godinaalee Gujii irraa dhufuun, haaromsa madrasaa kanaatiif gumaacha kan godhan yoo tahu, haaluma kanaan Gaala 80, Loon 70 oliifi mallaqa miiliyoona 2 ol kan walitti qaban tahuun beekameera.

Ulamaa’onniifi Mashaa’ikoonni sagantaa kanarratti hirmaatan:
Dr. Kamaal Galatuu Finfinnee irraa
Dr. Abduljaliil Ibraahiim Finfinnee irraa
Sheikh Abdallaah Adaamaa irraa
Sheikh Seyfadiin Adaamaa irraa
Mooyyalee irraa ammoo
Dr. Ibraahiim Bakrii
Sheikh Ahmad
Sheikh Kadiiroo Alii
Sheikh Muhammad
Huseen Alii Hamuuloo
Sheikh Aadam Qabbanaa

Godina Baalee irraa
Ustaaz Muhammad Raabi’ Hasan
Ustaaz Mubaarak H/Abdul Aziiz
Ustaaz Ibsaa Hasan

Shaashamannee irraa
Ustaaz Xaalibu Ridallaah (Sheikh Abdurrahmaan Huseen)
Ustaaz Muhammad Amiin Ibraahim
Ustaaz Abdurrahmaan Adeemaa
Asalla irraa Ustaaz Xaahir Galatoo fi Mashaa’ikoonni heddu ammoo naannoo Booranaafii gujii gandoota hedduu irraa dhufanii sagantaa kanarratti hirmaataniiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button