header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Simannaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal Istaadiyeemii  Magaalaa Jimmaa keessatti geggeeffamaa jira

Magaalaan Jimmaa Iddoo dhaaloota bareessaa Koree Fala Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal yoo taatu, hawaasni Magaalaa Jimmaa fi naannoo Isii hidhaa waggaa jahaa irraa bahuu Ustaaz Ahmaddiin Jabal ilaalchisee kanaan dura Simaannaan qopheessan dhiibbaa Komaand Poostitiin kan haqame tahuun ni yaadatama.

Simannaa guyyaa har’aa Istaadiyoomii magaalaa Jimmaa keessatti geggeefamaa jiru kanaan ummanni magaalatti fi Aanaalee godina Jimmaa irratti argamee jira. Keessummoonni heddu Ustaaz Ahmaddiin Jabal waliin Finfinnee irraa gara Jimmaa imaluun sagantaa kana irratti kan hirmaataa jiran yoo tahu, Keessummoota Kanniin Jidduu Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Ustaaz Kaamil Shamsuu, Daa’ii Qamar Huseen fi namoonni birootis keessatti argamu.

Sagantaa kana irratti Eebbaa fi gurgurtaan CD Nashiidaa Raayyaa Abbaa Maccaa “Lammiin Lammiif”jedhu kan geggeefamu yoo tahu,  Ustaaz Raayyaan maallaqa gurgurtaa  CD Nashiidaa kanaa irraa argamu ummata naannoo Soomalee irraa buqqifamee akka oolu kan gumaache tahuun ni beekkama.

 

6 Comments

  1. As.wr.wb.hojjatootaa Nuuraal.hudaa sagantaa teyyasan bayyee garii garuu appiliceshiniirat videyoo naf agarsiisuu diidee?

  2. Mashaa Allah Qopheesitota qophiillee RNH halli adeemsaa kessanii hedduu namaatti tolaa, Ammas jajabadhaa halumaa kanaan itti nuuf fufaa jazaa kallahu kheeyraan👍

  3. As wr wb akkami jirtu qopeesitota Nuural isa gaaffii qaba inis moylinii Nabii S A W miif godhamu nija

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button