header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sa’udiin “Lubnaan Waraana nurratti labasaa jirti” jechuun yakkite.

Sa’udiin garee Hizbollahtiin fayyadamuun Lubnaan waraana biyya keenya irratti labsaa jirti jechuun yakkite.
Ministeera dhimma biyyoota  galoo galaana Arabiyaa kan ta’e Tamiir al-Sabhan akka jedhetti :”Sababa amala diinummaa Hizbollah irraa kan ka’e,  Lubnaan  kana booda akka biyya  waraana nurratti labsiteetti ilaalla” jedhe.

Sa’udiin himanna kana kan bante Muummichi minsteera Lubnaan Sa’aad Hariiri, eega gara Riyaad dhufuun taayitaa gad lakkisuu isaa labsee booda.  Himannaan kun Mootummaan Lubnaan kan rakkina Siyaasaa keessa gale,  daranuu hammeessuudhaan biyyattii rakkina hamaa keessa kan galchu akka ta’e gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa.

Al-Sabhan yaada isaa itti fufuudhaan   akka jedhetti “Mootummaan Lubnaan Sa’udii fi garee shororkeessa Hizbollah jidduu tokko filachuu qaba” jedhe.
Mootummaan Lubnaan dhimma kanarratti  hanga ammaa yaada isaa kan hinkennin tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Gama biraatiin ammoo Muummichi ministeera Lubnaan kan ture Sa’aad Hariiri guyyaa hardhaa gara Abudhabi imaluun, Ministeera Ittisa U.A.E. Shekh Muhammad Bin Ziyaad waliin eega mar’iatee booda gara Riyaad deebi’uu  isaa gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button