header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannoo

Sa’udiin Sodaa Dhibee Vayirasii Koronaa hordofuun Imala Sirna Umraaf garasitti taasiifamu yeroodhaaf dhaabuu beeksiste

Ministeerri Hajaa alaa Sa’udii ibsa har’a baaseen, sodaa saffisaan faca’aa dhufu dhibee Vayirasii Koronaa hordoofuun, imalli biyya kamiyyuu irraa sirna Umraaf garasitti taasiifamu yeroodhaaf kan uggurame tahuu beeksise.

Uggurri kun lammilee Sa’uudii fi lammilee biyyoota galoo galaana Arabiyaa waraqaa eenyuummaatiin gara Sa’uudii seenaanii fi Sa’uudii irraa bahaniis kan ilaallatu tahuus ibsame.

Hanga ammatti Vayirasiin addunyaa irratti saffisaan faca’aa jiru kun, biyyoota baha jidduu galeessa naannawa oollaa Sa’uudii tahan 11 keessatti argame jira.

Waggaatti biyyoota Addunyaa gara garaa irraa Muslimoonni miliyoona 7 ol sirna Umraa raawwatuuf gara Sa’uudii kan imalan yoo tahu, irra hedduun isaanii buufata xayyaara Jiddaa fi Madiinaatiin kan seenan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button