header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin duula farra malaammaltummaa waggaa tokko dura eegalte xumuruu beeksiste

Mootumman Sa’uudii xumura bara 2017 irraa eegalee duula farra malaamaltummaa dhaaltuu gonfoo Muhammad Bin Salmaaniin durfamu kan geggeessaa ture yoo tahu, Komishiiniin farra malaamaltummaa biyyattii gabaasa Malik Salmaaniif dhiheesseen duulli kun bu’aa guddaa galmeessisuun kan xumurame tahuu beeksise.

 

Akka gabaasa kanaatti, dureeyyota 381 malaamaltummaan shakkamanii too’annaa jala turan jidduu 87 jalqabumarraa badii isaanii amanuun, maallaqa isaan irraa eeggamu mootummaaf galii godhanii jiru.  Dabalataanis shakkamtoota 56 himannaan yakkaa kan irratti baname yoo tahu, namoonni saddeet ammoo yakka hin dalagne jechuu isaanii hordofuun dhimmi isaanii gara Abbaa alangaatiin seeratti dhihaatee kan ilaalamaa jiru tahuu ibsame.

 

Walumaa galatti duula kanaan maallaqni Doolara biiliyoona 106 mootummaaf galii tahuu gabaafame. Duula kanaan dureessa dhalataa Ityoophiyaa Muhammad Alii Al-amuudii dabalatee maatiiwwan warra Malikaa, ministeerotaa fi dureeyyonni biyyattii heddu  too’annaa jala turuun isaanii ni beekkama.

Alamudi1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button