header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Eeshiyaa

Sa’uudiin imala Umraa namoota talaallii Covid-19 fudhataniif qofa kan hayyamtu tahuu beeksiste

Mootummaan Sa’uudii ibsa baaseen, wixata kaleessaa irraa kaasee dhimmoota imala Umraatiin walqabatan simachuu akka jalqabe ibsuun, sirna umraatiif namoonni gara biyyattii seenan hundi kanneen talaallii Covid-19  fudhatan tahuu akka qaban beeksise.

 

Sa’uudiin sababii vaayirasi koroonaatiin walqabatee baatiiwwan 18 dura daangaa isii cufatte. Sirna Hajjii baatii dabre geggeeffame jiraattoonni biyyattii 60,000 kanneen talaallii fudhatan qofti kan irratti hirmaatan tahuu ibsame. Hagayya 1/2021 irraa kaasee ammoo dawwattoonni talaalaman biyyattii akka galaniif hayyamtee turte.

 

 

Ejansiin Preesii Sa’uudii (SPA)n akka gabaasetti, mootummaan biyyattii  akka jalqabbiitti baatii tokko keessatti namoonni 60,000 qofti gara biyyattii seenuun sirna umraa kan raawwatan akka tahuufi, lakkoofsi kun garuu gara boodarraa dabaluun ji’aan namoota miliyoona lama dhaqqabuuf karoora baase.

 

Sa’uudiin talaalliiwwan akka Pfizer/BioNTech, Oxford-AstraZeneca, Moderna fi Johnson & Johnson fa’iif beekkamtii kennite. Dabalataanis lammiileen biyya alaa yoo barbaachisaa ta’e adda baafamanii turuuf waliigaluu akka qabaatan, Ejansichi Ministeera Ittaanaa Hajji, Abdulfaataah bin Suleeymaan Maashat eeruun gabaase.

 

Gama biraatiin ammoo, Sa’uudiin maatii hojjattoota fayyaa kanneen sababii vaayirasii koroonaatiin lubbuu dhabaniif beenyaa kanfaluuf akka ta’e miidiyaan mootummaa gabaase. Bara darbe tokkoon tokkoo maatii beenyaa riiyaala 500,000 ykn doolaara 133,000 ni argatu jedhamee ture. Biyyattiin hanga ammaatti namoota koronaan qabaman 532,000 kan galmeessite yoo ta’u, namoonni 8,300 ammoo lubbuu dhabaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button