header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin loltoonni Ameerikaa biyya isii keessa akka qubatan hayyamte

Ministeerri haajaa alaa Sa’uudii ibsa sabtii har’aa baaseen,  “walii galtee Sa’uudii fi Ameerikaan kanaan dura mallatteessan irratti hundaayuun, nageenyaa fi tasgabbii naannichaa cimsuuf jecha,  loltoonni Ameerikaa biyyattii keessa akka qubatan Malik Salmaan kan murteesse tahuu ibse.

 

Waajjirrii ittisa Ameerikaa Pentagon gama isaatiin ibsa Jum’aa kaleessaa baaseen, naannicha jeequuf sochii Iiraan geggeessa jirtu qolachuuf,  loltoota dabalataa Sa’uudii qubachiisuuf kan murteesse tahuu beeksise.

Ameerikaan kanaan duras, lola Galoo Galaana Arabiyaa jedhamuun beekamu hordofuun bara 1991 loltoota isii Sa’uudii keessa qubachiistee kan turte yoo tahu,  waggaa 12 booda 2003 biyyattii keessaa baaste.

Odeeyfannoo birootiin ammoo Sa’uudiin Markaba Iiraan ji’a sadii ol buufata Doonii Jiddaa irratti uggurtee turte har’a kan gad lakkiste tahuun beekamee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button