header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sa’uudiin namoota ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjiitiin shakkaman mana murtiitti kan dhiheessite tahuu gabaafame

Lammiileen Sa’uudii 11 ajjeechaa Jamaal Khaashoqjiitiin shakkamanii too’annaa jala turan yeroo jalqabatiif mana murtiitti kan dhihaatan yoo tahu, Abbaan Alangaa mootummaa Sa’uudii shakkamtoota kanneen jidduu 5 irratti,  adabbiin du’aa akka murtaayu mana murtii kan gaafate tahuu ejensiin odeeyfannoo Sa’uudii gabaase. Abbaan Alangaa biyyattii gama isaatiin ibsa baaseen, shakkamtoonni abukaatota isaanii waliin guyyaa har’aa mana murtiitti kan dhihaatan tahuu beeksise. Dabalataanis Turkiyaan ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii ilaalchisuun ragaalee qorannoon argatte akka kennituuf mootummaan Sa’uudii kan gaafate tahuu ibse.

 

Haa ta’u malee Waajjirri ministeera haajaa alaa Turkiyaa dhimmicha irratti yaada kenneen, Sa’uudiin gama isiitiin namoota 11 ajjeechaa gaazexeessaa kanaatiin wal qabatee too’annaa jala oolchite ilaalchisee, hanga har’aatti odeeyfannoo tokkollee mootummaa Turkiyaatiif kan hin kennin tahuu ibse. Haaluma kanaan, Sa’uudiin adabbii du’aa namoota kanneen irratti murteessuun Turkiyaaf dhugaa dhoksuudhaan alatti hiikkoo biroo kan hin qabne tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

Turkiyaan kanaan dura namoota yakka ajjeechaa gaazexeessaa kanaatiin shakkaman mootummaan Sa’uudii dabarsee akka kennuuf kan gaafatte yoo tahu, Sa’uudiin gaafii Turkiyaa kana hin fudhanne. Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii October 2/2018 qonsilaa Sa’uudii Istaanbulitti argamu eega seenee booda, humnoota mootummaa Sa’uudiitiin ajjeefamee reeffi isaa kan dhabame tahuun ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button