header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Seeneetiin Ameerikaa adeemsa himannaa Donaald Traamp irratti banamee ifatti jalqabsiise

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata Ameerikaa adeemsa himannaa Donaald Tramp irratti banamee, Khamiisa kaleessaa miseensota koree adeemsa himannaa fi murtii irrattii hirmaatan, abbaa seeraa mana murtii olaanaatiin kakachiisuun ifatti jalqabsiise. Dabalataanis qabxiileen Prezdaant Traamp ittiin himatame mana marichaatiif dubbifamee jira.

Himannaa xumuraa amma eegalame kanaan Traamp yakkamaa ta’ee yoo argame aangoo irraa kaafamuu mala. Haata’u malee murtiin prezdaanticha aangoo irraa kaasuu deeggarsa miseensota mana maree 2/3 yoo argate qofa tahuu ibsame.
Qabxii Prezdaantichi ittiin himatame kan jalqabaa, Maallaqa deeggarsaa Seeneetiin Ameerikaa Yukreenif akka kennamu murteesse, Donaald Traamp aangoo isaatiin ala fedhii dhuunfaa isaatiif Yukreen irraa qabee tursiisuu kan jedhu yoo tahu, akka qorannoon kanaan dura geggeeffame mul’isutti Traamp filannoo prezdaantummaa Ameerikaa bara dhufuu irratti morkataa isaa Joo Baaydanii fi Ilma isaa irratt mootummaan Yukreen qorannoo akka gaggeessu dhiibbaa godhaa ture.

Qabxiin himannaa kan lammataa ammoo Donaald Traamp koree mana maree dhimmicha qorataa ture irrattis seeraan ala dhiibbaa uumee jira kan jedhu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Adeemsi himannaa Traamp kun seenaa Prezdaantota Ameerikaa keessatti 3ffaa yoo ta’u, kanaan dura Biil Kiliintan bara 1998, Andiriiw Joonsan ammoo bara 1868 himatamanii turan. Haata’u malee lamaan isaaniituu aangoo irraa hin buune.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button