header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Seeneetiin Ameerikaa  karoora Traamp meeshaa waraanaa Sa’uudii fi Emreetitti  gurguruuf  baase uggure

Prezdaant Traamp hayyama Seeneetii Ameerikaatiin alatti meeshaa waraanaa Dolaara biiliyoona 8tti shallagamu Sa’uudii gurguruuf karoorfatee ture. Prezdaant Traamp gurgurtaan meeshaa waraanaa kun qophii waraanaa Iiraan naannichatti godhaa jirtu waliin kan wal qabatu tahuu ibsuun,  murtii Seeneetii malee seeraa yeroo muddamaatti fayyadamuun ajaja isaa qofaan dabarsuuf yaalee ture.

Haata’u malee miseensonni Seeneetii  Ameerikaa heddu murtii Traamp kana mormuun koroora kana guyyaa har’aa mana mareetti dhiheessanii sagalee irratti kennan. Haaluma kanaan  sagalee caalmaa taheen karoora prezdaantichaa kan ugguran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Haaluma wal fakkaatuun karoorri bulchiinsi Traamp meeshaa waraanaa Emreetiif gurguruuf baase ugguramee jira.

Miseensonni Seeneetii Ameerikaa akka jedhanitti, Sa’uudiin meeshaa waraanaa kana Iiraan ofirraa ittisuuf osoo hin taane, lola Yaman keessatti geggeessaa jirtu irratti fayyadamuu malti soda jedhu kan qaban tahuu ibsan. Dabalataanis, ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii irratti raawwatame ilaalchisee mootummaan Sa’uudii qorannoo gahaa hin geggeessine jechuun komatan.

Odeeyfannoo wal qabateen, gareen ogeeyyota  UN  ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii qoraataa ture guyyaa kaleessaa gabaasa kan baase yoo tahu,  ajjeechaan qonsilaa Istanbul keessatti raawwatame ajaja Muhammad Bin Salmaaniin tahuu ragaa kan argate tahuu ibse.

Karoora Gurgurtaa Meeshaa Waraanaa1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button