Categories: Kaanaadaa Odeeyfannoo

seera Niqaaba ugguru kan Bulchiinsi Kubeek baase mormuun Mana Murtiitti  mormii seeraa baname

Gareewwan mirga namoomaa fi walabummaa Kanaadaa , seerri Niqaaba ugguru kan bulchiinsi kutaa Kubeek baasee ture, mirga dubartoota Muslimaa kan cabse jechuun mana murtiitti mormii seeraa irratti banan.
Manni marii biyyoolessaa Muslimoota Kanaadaa  dhaabbata “Canadian civil liberties Association” jedhamu waliin tahuudhaan, mormii seeraa  Mana Murtii Ol’aanaa Kuubeekitti kan galchan tahuu beekameera.

Seerri bulchiinsi Kubeek ji’a lamaan dura baase kun, “Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa argachuufis ta’ee kennuuf fuulli issaa muldhachuu qaba” kan jedhu yoo tahu, erga seerri kun labsamee asitti guutuu Kanaadaa keessatti walfalmii cimaa hordofsiiseera.

Mormitoonni  Seera kanaa akka jedhanitti, labsichi mirga amantaa fi walqixxummaa heera Kanaadaa irratti labsame kan cabsuu fi dubartoota muslimaa dhiibuu irratti kan xiyyeeffate waan tahe’eef, kutaalee biyyatti kamiyyuu keessatti hujii irra akka hin oollee jechuun gaafatan. Himannaa ammaa kana ilaalchisee walfalmiin mana murtii irratti kan geggeeffamu tahuu Ministeerri Haqaa Bulchiinsa Kubeek mirkaneessee jira.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii haalli Ityoophiyaa keessa jiru kan isa yaaddeesse tahuu beeksise

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Mirga Namoomaa ibsa baaseen, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun…

2 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi mootummaa saba Sidaamaa ifatti hundeeffame

Ummanni Sidaamaa ji’oota muraasa dura zooniin isaanii gara naannoo akka ol guddatuuf sagaleen rifarandamiitiin kan…

3 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lakkoofsi Namoota Naannoo Oromiyaatti ajjeefamanii 100 ol tahuu ibsame

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad Guyyaa har'aa marii haala yeroo irratti qondaaltota mootummaa waliin kan taasise…

1 day ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

3 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

4 days ago