header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Shakkamaan yakka duguggaa sanyii Ruwaandaa waggaa 26 booda to’annaa jala oolfame

Duguggaa sanyii bara 1994 keessa Ruwaandaatti raawwatameen guyyoota 100 keessatti namoonni 800,000 ol ajjeeffaman, Duguggaa raawwatame kanaaf adda durummaan shakkamee waggoota 26’f kan barbaadamuu ture, Felisiyeen Kabuugaa Faransaayi naannawa magaalaa guddoo Paarisitti sabtii kaleessaa to’anaa jala oolfamuun gabaafame.

Namtichi umrii 84 kan waggoota dheeraaf mootummaa Ruwaandaatiin barbaadamuu ture kun, waraqaa eenyuummaa soban mana jireenyaa magaalaa ‘Asnieres-Sur-Seine’ kan naannawa magaalaa Paarisitti argamtu keessa kan jiraattu ture tahuu gabaasni ministeera haqa Faransaayi irraa bahe mul’isa.

Abbaan qabeenya gosa Huutuu kan ta’e Kabuugan, duguggaa sanyii bara 1994 raawwatame kan ummanni 800,000 ol itti ajjeeffame kanaaf, hidhattoota Huutuuf deggarsa maallaqaa godhe yakka jedhuun himatamee barbaadamuu ture.

Kabuugan bara 1994 irraa kaase, Jarman, Beeljiyeem, Koongoo Kinshaasaa, Keeniyaa fi Iswiizeerlaand keessa addabii tokko malee kan jiraate tahuu fi mana murtii ol iyyaannoo Paarisitti eega dhihaate booda mana murtii haqa idil addunyaa(ICJ) kan dabarfamee kennamu tahuu ministeerri haqaa Faransaayi ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button