header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

“Shimbirroo Jannataa”Paradise Bird


Rabbiin Qur’aana keeysatti akkana jedhe.
ألم يروا إلى الطير مسخرات في جو السماء ما يمسكهن إلا الله إن في ذلك لآيات لقوم يؤمنون
Sila Isaan hin laalanii gama shimbirroo (waan bararuu) laaffifamtuu ka taate (hoggaa barartu) qilleensa samii keeysa?! Allaah malee kan isii qabu hin jiru, san keeysatti aayaataa (mallattootu) jira warra amanuuf

Suuraa An-nahl:79

Ilmi namaa waan dachii tanarra jiru ilaalaa bareedina ofii mimiidhagsa. Uumama biroo irraa laallatee bifa ofii haala saniin miidhaysa. Halluu gogaa bineensotaa irraa laallatee uffataafii meeshaa adda addaa haala saniin tolcha. Uffatni nuti uffannu hundi isaatuu wantootuma naannoo keennatti argaman irraa kan warraabbaman akka ta’e shakkii hin qabnu. Garuu uumama amma ilaaluuf deemnu tana wajji eennutu wal fakkaatuuf carraaqa laata?

Ilmi namaa simbira tana xiinxallee erga ilaaleen booda maqaa itti baasu dhabnaan (Paradise Birds) ‘Shimbira jannataa’ jedhee moggaase. Dhuguma haala isii yoo ilaalle nutis waanuma itti moggaafnu dhabna. Rabbii keenna isa uumama ajaa’ibaa akkanaa uumetti dinqisiifanneetuma waan dubbannu dhabnee usna.

Shimbirroon kun naannoo bosona Eeshiyaa fi Awustraaliyaa keessatti argama. Baay’inaanis biyyoota akka Indoneezyiyaa fi Papua New Guinea keessatti argaman. Sinbira tana wanti simbirroota biroo irraa adda isaan godhe bareedina isaaniiti. Keessattuu bareedinni baallii shimbira kanaa kan dhiiraa uumama  ajaa’ibaati. Waan Shimbirri kun godhu yoo argitan gammachuu bira dabartanii amanuu dadhabdan. Guyyaa guutuu simbira kana osoo ilaalaa ooltanii hin quuftan.

Shimbirri kun baallii isaa kana, bifa isaa jijjiiraa shimbira dhaltuu naannoo isaatti argaman ofitti hawata. Kan nama ajaa’ibu dhalaan shimbira kanaa bareedina dhabuu isiiti. Kana jechuun isa warra dhiiraatiin yoo wal bira qabnuudha malee, uumama biraatiin wal bira yoo qabnu isaanilleen haalaan babbareedoodha.

Walumaa galatti sanyiin shimbira kanaa hanga 50 akka jiru tilmaamama. Dheerinni isaaniitis seenti meetira 15 hanga meetira takkaa ta’a. Shimbirroota kana argachuun heddu nama rakkisa. Heeduminaan kan sooratan firiiwwan mukaa yoo ta’u, sanyiin tokko tokko garuu wantoota akka ilbiisotaa fi daara baaftus ni sooratu.

Simbirri kun wanti adda isaan godhu halluu baallii isaaniirra jiru yoo tahu, halluun baallii shimbira dhiiraa kun yeroo barbaadetti diimaa, yoo fedhe, keelloo, akkasumas halluu ilmi namaa akkana jedhee himuu hin dandeennetti jijjiirama. wanti nama  ajaa’ibu ammoo jijjiirama halluu qofaa miti, yeroo fedhetti dhalaa naannoo isaatti argamu hawatuudhaaf boca qaama isaatis akka barbaadetti jijjiira. Sagaleen inni dhageesisus wal fakkataa miti. Qaama ofii jijjiiru kanaan miila takkaan dhaabbatee shubbisa. Ajaa’ibni simbira kanaa himamee hin dhumu.

Dhalaan “shimbirroo jannataa”hanqaaquu bakka feetetti hanqaaqxi. Cuuciin simbira kanaa guyyaa 20 keessatti hanqaaquu keessaa baati. Cuuciin hanqaaquu keessaa baate tun gaafa dura uumamtu baallii takkallee hin qabdu. Rabbiin keenna garuu ergasii booda akka ofii fedhetti itti godha. Cuunciiwwan tun hanga ji’a tokko socho’uu hin danda’an. Gaafa ji’a takka xumuranii as bahan garuu wanti isaan hojjatan ‘subhaanallaah’ nama jechisiisa.

Simbira kanaaf diinni hamaan ilma namaati. Baallii isaa kana faaya garagaraatiif waan barbaaduuf simbira kana adamsee ajjeesa. Sababa kanaafis haalli jireenya shimbira kanaa haala yaaddeessaa irra akka jiru dubbatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button