header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Simannaa Jila OMN magaalaa shaashamannee irratti yoo xiqqaate lubbuun nama 3 dabre.

Ummanni Magaalaa Shaashamannee Guyyaa har’aa Aktiiviistii fi Daayreektara OMN Obbo Jawaar Muhammad fi garee Oromiyaa Miidiyaa Neetwork simatuuf kan bahan yoo tahu, Sababaa baay’ina ummataatiin balaa mudateen namni 3 du’uufi namoonni miidhaman jiraatuu qindeessitoota sagantaa simannaa kanaa irraa mirkaneeffannee jirra.

 

Koree qindeessituu sagantaa simannaa kanaa keessa namni bilbilaan dubbisne akka nuuf himetti; “koreen hunduu ergama itti kenname bahuuf tattaaffii godhaa ture. garuu baay’inni ummataa waan haalaan hedduu taheef, koreen nageenyaa itti gaafatamummaa ofii bahuu hin dandeenye. Ummanni walitti heddummaatee wal dhiibuun lubbuun nama 3 dabree jira. Namni miidhames 20 hin hanqatu. qindoominni koreen kuni qaama nageenya mootummaa wajjiin qabus hanqina qaba fakkaata. Akkasuma namni boombii harkaa qaba jechuun ajjeefames wanta qabataman harka isaa irratti argame nuti hin argine. akka hin ajjeefamne dhorkuuf tattaaffii godhaa  turrus humna keenyaa ol waan tureef gochi gaddisiisaan raawwatame”jechuun  nuuf hime.

 

Yeroo ammaa magaalaan Shashamannee kan tasgabboofte tahuus beekuun danda’amee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button