header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Sirni Awwaalcha prezdant Muhammad Mursii Magaalaa Kaayirootti raawwatame

Prezdaant Dr Muhammad Mursii bara 2012 filannoo dimokraatawaa yeroo jalqabatiif Masri keessatti geggeeffameen filatamee kan ture yoo tahu, guyyaa kaleessa mana murtii keessatti lubbuun dabruu mootummaan biyyattii beeksise.

Sirni Awwaalcha Prezdaant Muhammad Mursii iddoo dhaloota isaatti akka raawwatamu maatiin isaa kan gaafate tahus, mootummaan kan dhoorke tahuu ibsame. Haaluma kanaan sirni Awwalcha isaatis guyyaa hardhaa, iddoo Maatii fi Abukaatoonni isaa qofti argamanitti kan raawwatame akka taheefi, Gaazexeessotas ta’ee qaamonni biroo tokkolleen sirna awwaalchaa irratti akka hin hirmaanne kan dhoorkaman tahuu Abuukatoon isaa Abdul Muney’iim Abduul Maqsuud ibse.

Dr Muhammad Mursii filatamee waggaa tokko booda humna waraanaa Jeneraal Abdulfattaah Al-Siisiitiin aangoo irraa fonqolchamee mana hidhaa keessatti kan dararamaa ture tahuun ni yaadatama.

5384c1145afbd3ca378b456c-750-530.jpg

10 Comments

  1. As wr wb innaaliillaahii wa iinaa ileehii rajii unii rabbiin janaatan isaa haabadhaasutii Ahaalii isaallee rabbiin sobrii hakenuufiitii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button