Soomana Ramadana Ilaalchisee Hadiisoota Ergamaa Rabbii ( ﷺ ) 15.

Baatiin kabajamaa Ramadaana seenuuf guyyoota muraasatu nuuf hafa, Baatii Ramadaanaa keessa dalagaan tokkichi ati isii keessaatti hojjatte dacha dachaan ilaalamtu, baatii isii keessatti ibidda jalaa bararamtu, baatii Rahmataati.

Duuba baatii kabajamtuu fi jaalatamtuu bu’aa guddaa harkaa nuuf qabdu kanaaf akkamitti qophaa’aa jirra. Rabbiin ittiin nuu haa gahu jecha baatii kabajamtuu tana ilaalchisee Ergaman Rabbii (ﷺ) maal jedhe kan jedhu hadiisa 15 ilaala.

Hadiisa 15’n kanniin keessatti, bu’aa baatii Soomana Ramadaana keessatti argamu maal fakkaata, badhaasni isii keessatti argamu, Ergaman Rabbii ( ﷺ) akkamitti Soomaa ture, soomanni Ergama Rabbii(SAW) Maal fakkaata kan jedhu gabaabinaan akka armaan gadiitti kaa’ameera.

HAALLI RAMADAANA KEESSA JIRU MAAL FAKKAATA?

1.Abuu Hureeyraa (RA) irra odeefame Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka jedhe

“Yoo Ramadaanni seenu, Balballi Jannataa ni banama, balballi ibiddaa (Jahannam) ni cufama, akkasumas Sheyxaanni sansalata sibilaatiin hidhama. (Bukhaarii fi Muslim ) gabaase.

BU’AAN RAMADAANA KEESSA ARGAMU MAAL?

2.Ummu Salaamiitu odeesse (Rabbiin dalagaa gaggaarii isii irra haa qeebalu) Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka jedhe

” Namni Ramadaana keessa Umraa godhe, mindaan isaa akka nama ana waliin hajjii godheetiin walqixxaata” jedhe. (Al Banii mirkaneesse)

3.Abu Hureeyraa (Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irra haa qeebalu) odeesse. Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka jedhe

Dalagaan gaariin ilmaan Aadam hundi 10 haga 700tti bay’ifamaaf. Rabbiin akka jedhe Soomana malee, Soommanni kiyya, miindaa isaatis anumatu beeka.
Namni Soomane waqtii lama gammada. Waqtiin duraa, guyyaa guutuu nyaataa dhugaatii irraa of qabee oolee waqtii Soomana hiikkatuu. Waqtii lammataa waqtii Rabbii isaatiin wal qunnamu. Akkasumas shorofkaan afaan isaa Rabbiin biratti akka miskiiti jedhe. (Bukhaarii Gabaase)
4. Abu Ayyub irraa odeefame (Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irra haa qeebalu) Ergaman Rabbii (ﷺ) akka jedhe
“Namtichi ji’a Ramadaanaa soomanee guyyaa jahan Shawwaal itti dabalatee soomane, akka nama waggaa guutuu Soomaneeti” jedhe.

5. Abuu Hureeyraa irra odeefame (Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa qeebalu) ErgamAan Rabbii (ﷺ) akka jedhe

“Soomanni Gaachana, Namni tokko Soomana yoo afaanii qabaate, jecha hamaa hin dubbatin, akkasumas sagalee isaa ol fuudhee hin lallaabbin (hin iyyin), yoo namni tokko isa dhahe ykn arrabse ani Soomana qaba jechuun haa deebisuuf. (Muslim gabaase)

7. Abuu Hureeyraa (Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa qeebalu ) irraa odeefame, Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka jedhe:

” Namtichi ji’a Ramadana sodaa Rabbiif jecha, akka Rabbiin fedhutti Rabbii irratti hisaabatuun soomane, Rabbiin badii isaa kan dabarte ni dhiisaaf.( Bukhaarii fi muslim)

8. Abuu Hureeyraa (Rabbiin Dalagaa isaa gaggaarii irraa haa qeebalu) Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka jedhe:

” Namtichi baatii Ramadaana keessa halkan ka’ee fula Rabbii dura dhaabate, kan dhaabbii isaa kana Rabbi irratti hisaabatee dhabate, Rabbiin badii isaa kan dabarte cufa ni dhiisaaf (ni araaramaaf)

9. Abuu Hureeyraa irra odeefame Ergaman Rabbii(ﷺ) akka jedhe:
Namni imaanaa fi abdiidhaan halkan Leylat Al-Qadri keessa ibdaa irra osoo jiru (carraan Leeylatul qadri) isa qunname diliin isaa tan dabrite hundi ni haqamatiif.(Al-Bukhari)
10. Abu Said Al-Khudri (Rabbiin dalagaa isaa gaarii irraa haajaalatu) irraa Odeeffame Ergamaan Rabbii(ﷺ) akka jedhe: Rabbirraa ajrii kajeeluun nama guyyaa takka some, Rabbiin fuula isaa ibidda Azaabaa irraa (imala) waggaa torbaatama fageessa. (Al-Bukhari fi Muslim) gabaase.

11.Usmaan ibn Abi Al-Aas irraa odeeffame. Ergamaan Rabbii (SAW) akka jedhe”
“Soomanni Wantee ibidda Azaabaa nama irraa ittisu”

12. Abdullaah ibn Amir irraa odeeffame. Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka jedhe:
Soomana fi qur’aanni gabricha Rabbiitiif (nama itti dalageef) guyyaa Qiyaamaa Rabbi biratti ragaa bahaniif.

Somaanni akkana jedha “Yaa Rabbi ! Nyaataa fi fedhii isaa hunda irraa of qabee guyyaa guutuu soomane. Ragaa ani isaa bahu kana narraa fuudhi” jedha. Qura’anni ammoo

Nuuralhudaa, [04.05.19 13:48]
“Yaa Rabbii Halkan hirriba isaa irraa of qabee Qara’e. Ragaa ani isaa bahu kana narraa fuudhi” jechuun ragaa bahaaf. Haaluma kanaan Rabbii ragaa(Jaarsummaa) lamaanuu irraa qeebala

13. Ibn Abbaas (Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu) irraa gabaafame:
“Ergamaan Rabbii nama hunda caalaa arjaadha, Ji’a ramadaanaa keessa ammoo Jibriil kan dur daraanuu arjaa tahee isa arga. Jibriil halkana ramadaanaa hunda keess ergamaa rabbi (ﷺ) waliin qara’aa ture. Yeroo kana arjummaan Ergamaa Rabbii daran dabalaa kan deemu tahuu hubate. (Al-Bukhari)

14. A’ishah (Dalagaa Isii gaggaarii rabbiin irraa haa jaalatuu) irraa odeeffamme:
Ergamaan Rabbii (ﷺ) Ji’a Ramadaanaa keessa yeroo kaan caalaa daranuu ibaadatti jabaataa ture. Halkan kurnan dhuma Ramadaanaa keessa ammoo daraanuu duraa (kurnan jalaqabaa fi jidduu) caalatti ibaadaa jajjabeessa ture. (Muslim).

15. Abu Hureeyrah irraa odeeffame:
Ergamaan Rabbii(ﷺ) Ji’a Ramadaanaa keess guyyaa kudhan I’tkaaf taa’aa ture. Bara gara Akhiraa godaane ammoo guyyaa diigdamaaf I’tkaaf seene. (Al-Bukhari).

RAMADAN MUBARAK!
Qophii ABBAAS FI ABU BILAL

Comments
Loading...