header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan hidhattoonni Ityoophiyaa daangaa ce’uun loltoota isii irratti haleellaa raawwatuu beeksiste

Dhaabbanni Odeeyfannoo Suudaan akka gabaasetti, hidhattoonni Ityoophiyaa Khamiisa kaleessaa daangaa ce’uun loltoota mootummaa Suudaan irratti haleellaa raawwataniin lotuun Suudaan tokko akka ajjeefameefi, dabalataanis loltoonni heddu ammoo madaayuu ibsame.

Hidhatoonni Gonadr Lixaa irraa gara magaalaa Suudaan Qadarif jedhamtuu seenuun misooma qonnaa irratti haleellaa eega raawwatanii booda, loltoota mootummaa Suudaan kaampii Barakat Nuuriin jedhamu keessa jiran waliin walitti bu’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Dubbi himaan waraana mootummaa Suudaan Biragaadeer Jeneraal Amiir Mhummad Al-hasan ibsa gama Televizhiinaatiin kenneen, hidhattoonni daangaa ce’anii haleellaa raawwatan kunniin mootummaa Ityoophiyaatiin deeggaraman jechuun yakke.

Himannaa Suudaan kana ilaalchisee hanga ammaatti mootummaa Ityoophiyaa irraa deebisaan kenname hin jiru. Haata’u malee waraanni Suudaan jalqaba ji’a kanaa daangaa Ityoophiyaatti ce’uun naannolee muraasa qabatee akka ture miidiyaaleen gara garaa gabaasaa turan. Dabaltaanis torbee lama dura jilli mootummaa Suudaan gara Finfinnee dhufuun, daangaa irratti rakkoolee muudatan haala itti furuun danda’amu fi daangaa biyyoota lamaanii sararuu irratti qondaaltota mootummaa Ityoophiyaa waliin mari’atuun ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button