header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Suudaan Kibbaa Weerarri vaayirasii koroonaa Ityoophiyaa keessatti hammataa dhufuun kan isii yaaddeesse tahuu ibsite

Qondaaltonni fayyaa Suudaan Kibbaa biyya ollaa isaanii Itoophiyaa keessatti weerarri Covid-19 hammaachaa dhufuusaatiin yaaddahuu beeksisan. Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa guyyuu gara magaala guddoo Suudaan Kibbaa Juubaatti kan imalu akka taheefi, kun ammoo vaayirasichi Ityophiyaatti haammaachuu isaatiin yaaddoo ogeeyyii fayyaa jabeesseera.

Dubbii himaan Ministeera Fayyaa Suudaan Kibbaa haala Ityoophiyaa keessa jiruun yaaddawuu ibsuun ”tarkaanfilee of eeggannoo jabeessuu qabnaa” jedhe. Haata’u malee imalli xiyyaaraa biyyoota lamaan gidduu kan itii fufu tahuu ibsuun, biyyootni lameenuu tarkaanfilee of eegganno lammiilee isaanii eegu hojiirra olchuu qabuu jedhe. Dabalataanis qondaaltonni Suudaan Kibbaa ”Hanga dirqamni dhufutti” imaltoota Finfinnee irraa ka’uun gara Jubaa dhufan simachuu akka itti fufanis ibsan.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas Itoophiyaatti vaayirasichi haala yaaddeessaa taheen babal’ataa jiraatuu ibsuun, vaayirasichi biyyattii keessatti argamuu eega gabaafameen booda, torbee darbe lakkoofsi namoota haarayatti qabamanii olaanaa glameessuu beeksisee jira. Ardii Afrikaa keessatti Ityoophiyaan yeroo ammaa lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniitiin Afrikaa Kibbaa, Masri fi Morokotti aanuun sadarkaa 4ffaa irra jirti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button