header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Suuriyaa keessatti Manneen baruumsaa hedduminaan miidhamuu isaanii gabaasni haarawa bahe ifa godhe

Walitti bu’iinsa Suuriyaa keessatti bara 2011 jalqabe hordofee, manneen barnootaa heddu barbadeeffamuu isaanii dhaabbanni miti-mootummaa tokko beeksise. Dhaabbanni Syrian Network for Human Rights jedhamu akka ibsetti, manneen barnootaa 1,356 ta’an barbadeeffamaniiru.

Dhaabbanni kun akka jedhetti, manneen barnootaa biyyattiin qabdu keessaa kan walakkaa ol ta’an guutumaan guututti barbadaayaniiru. Dhaabbilee barnootaa barbadaawan kanaaf hedduminaan kan itti gaafatamu waraana mootummaa Asaad kan Raashiyaan deeggaramu ta’us, Waraana Ameerikaa fi Raashiyaa dabalatee, gareewwan mormitootaatis harka keessaa qabaachuu isaanii ibse. Keessumattuu eega Raashiyaan bara 2015 waraana kanatti seentee as rakkoon kun daran hammaachuu isaa ifa godhe.

 

Akka dhaabbanni kun ibsetti, Waraanni Mootummaa manneen barnootaa 996 ta’an barbadeesseera. Raashiyaan ammoo manneen barnootaa 169 ta’an irratti haleellaa raawwattee daaraa gootee jirti. Gartuun mootummaa Ameerikaan deeggaramu manneen baruumsaa 87, Mormitoonni biyyattii manneen baruumsaa 36, ISIS manneen barnootaa 23 akkasumas gareeleen Kurd kan YPG fi PKK jedhaman ammoo manneen barnootaa 3 barbadeessuu isaanii dhaabbanni kun gabaasa isaa keessatti bayaanseera. Akkasumas dhaabbileen eenyummaan isaanii hin beekkamne ammoo barbadaawuu manneen barnootaa 42tiif itti gaafatamoodha jedhe.

 

https://youtu.be/yP64Tv0xvyI

Magaalaan idlib manneen barnootaa 361 dhabuun sadarkaa duraa irratti kan argamtu yoo ta’u, Halab 260, Dimashqii fi naannawni isii 198, Hims 118, Raqqaan 76, Darraan 103, Hamaan 122, Der-Azuur 106, Hasakaa 8, akkasumas Lataakiyaan manneen barnootaa 4 dhabaniiru.

Akka Gabaasa kanaatti, haleellaa Mana baruumsaa irratti qofa raawwatameen lammiileen nagayaa 528 dallayuma mana baruumsa keessatti ajjeefamaniiru. Kanniin keessa 171 ijoollee xixiqqoo ta’uun isaanii beekameera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, bakka buutuun dhimma daa’immanii Varjiiniyaa Gaambaa, ijoolleen xixiqqoon 7,000 ta’an dimshaashumatti waraana Suuriyaa keessatti mudateen ajjeefamuu isaanii beeksifte. Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii ijooleen miiliyoona 2.1 ta’an baruumsa isaanii addaan kutuu isaanii ibsuun, carraa barnootatti deebi’uu argachuu akka hin dandeenye beeksise. Maatiinis ijoollee isaanii dalagaa garagaraarratti bobbaasaa jiraachuun isaanii beekkameera.

Suriyaa 1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button