header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Taayilaanditti ijoolleen 12 fi Leenjisaan isaanii holqa keessatti dhabamanii turan lubbuun argaman

Taayilaan kutaa Chiyaang Raayitti Ijoolleen 12 fi leenjisaan garee kubbaa miilaa isaanii tokko guyyoota sagal dura daaw’annaaf gara holqa Taam Lawung jedhamuu imalanii turan. Gareen kun holqa seenee daaw’annaa eega jalqabeen booda rooba cimaa roobeen,  holqichi lolaan kan guutame yoo tahu, saa’atiilee muraasa booda gareen kun achi buuteen isaa dhabamuu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turan.

 

Mootummaan Taayilaandis ogeeyyii biyyoota addunyaa irraa birmannaa gafachuun barbaacha jalqabee ture. Barbaacha guyyaa lamaa booda mootummaan biyyattii rooba cimaa naannichatti roobaa jiruu fi holqichi dhoqqee fi bishaaniin guutamuu isaatiin carraan ijollee fi leenjisaa isaanii lubbuun baraaruu gad aanaa tahuu beeksisee ture. Haata’u malee barbaacha guyyoota 9 booda Isniina kaleessaa gareen daaktuu Briteen iddoo ijoolleen kun jiran kan dhaqqabae tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.  Akka gabaasa kanaatti ijoollee fi leenjisaan isaanii lubbuun akka jiranii fi holqicha keessaatti bishaan irraa iddoo ol ka’aa tahe tokko irra kan qubatan tahuun beekamee jira.

 

Waraanni Taayilaand barbaacha kana hoogganaa jiru akka ibsetti, ijoolleen kunniin iddoon itti argaman seensa holqichaa irraa baay’ee fagoo akka tahee fi holqichi galaanaan guutamuu irraa kan ka’e, ammatti garee kana achii baasuudhaaf rakkoon cimaan kan isaan muudate tahuu hime.  Nyaataa, dawaa fi bishaan qulqulluu dabalatee wantoota ijoollee fi leenjisaan isaanii akka lubbuun turan isaan barbaachisu dhaqqabsiisuu irratti, dursa kennee kan hojjataa jiru tahuu mootummaan Taayilaand ibsa guyyaa hardhaa baaseen beeksise. Mootummaan Taayilaand ibsa isaatiin, Ijoollee kana achii baasuuf karaa danda’ame hundaan kan yaalaa jiru tahuu ibsuun, haata’u malee yaaliin godhamaa jiru haala ijoollee balaa birootiif hin saaxilleen tahuu qaba jedhe. Karoorri yaadame ammatti yoo kan hin milkoofne tahe, roobni gannaa caamee bishaan holqicha seene hanga hir’atuuf, ijoolleen kunniin  ji’a 3 hanga 4tti achuma turuu malan jechuun ibse.

 

Leenjisaa  garee kanaa umriin isaa 25 yoo tahu, umriin ijoollee ammo 11 hanga 16 akka tahe gabaasni arganne ni ibsa.

Thai-soccer-team

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button