Tana Quba Qabduu? 002

Gosa biqiltootaa dachii tanarra jiru keessaa hedduun isaa eessatti akka argamu beeytuu? hedduun keenya biqiltoonni lafarratti qofa waan biqilan seena. inumaa irra hedduun biqiltootaa bishaan keessatti biqilu. Gosa biqiltoota dachii tanarratti uumame keessaa, dhibbentaa 85 kan tahu bishaan keessaa fi cinaa bishaaniitti biqila. Mukkeenii fi biqiltootnni nuti naannoo keenyatti arginu kunniin walumaa galatti dhibbeentaa 15 qofa ta’an jechuudha.

Ilmi namaa jiraachuudhaaf oksijinitti haajama. Oksijinii kana ammoo biqiltoota irraa arganna. Biqiltoonni kaarboon daayoksaayidii hawaa kana keessaa fudhatuudhaan, Oksijiinii nuuf baasu. Nutis oksijiinii kanaan oollee bulla, Bosonni jiidhaan Amaazon oksijiinii dachii tanarra jiru keessaa walakkaa kan ta’u isatu oomisha. Kan hafe naannoowwan biraa irraa oomishama jechuudha. kun hundi Rahmata Rabbii guddaati.

 

Biqiltoota kuma dhibba sadihii ol kan dachii tanarra jiraachuun isaanii mirkanaawe keessaa, kanneen 80,000 ta’an tajaajila soorataatiif ooluu ni danda’u. Garuu ilmi namaa biqiltoota nyaatamuu danda’an kanniin keessaa, kanneen 30 ta’an qofa baay’inaan soorataa jira. Kan hafan sooratamaa hin jiran jechuu miti. Ilma namaa dachii tanarra jiru keessaa kanneen dhibbeentaa 90 ol tahan, sanyiiwwan biqiltootaa 30 qofa sooratu jechuudha.

 

Biqiltoota kuma dhibbaan laakkawaman kanniin keessaallee kanneen kuma 70 ta’an tajaajila dawoomaatiif oolaa jiru. Ilmi namaa qoratee, gosa biqiltootaa kuma 70 ta’an irraa dawaa oomishuu danda’ee jira.

 

Akka qorattoonni himanitti, bosona duraan dachii tanarra ture keessaa,  wanti dhibbeentaa 80 ta’u  barbadaawee jira. Sababni kanaa ammoo lakkoofsi ilma namaa dabaluu isaati. Namni lafa mana irratti ijaaratuu fi, lafa qotatee irraa oomishatu barbaacha bosona mancaasa. haala kanaan ilmi namaa lafa waggoota kumaan dura bosonaan uwwifamee ture mancaasuudhaan magaalotaa fi gandoota garagaraatiin bakka buusaa jira.

 

sanyiiwwan biqiltootaa dachii tanarra jiran keessaa, kanneen dhibbeentaa 68 ta’an guutumaan guututti dhabamuu akka danda’an tilmaamamee jira. Bineensota dachiirraa dhabamaa jiran caala, biqiltoonni saffisa hamaan barbadeeffamaa akka jiran himama. sababaan kanaatis manca’iinsa bosonaati.

Comments
Loading...