Tana Quba Qabduu?

Bineensota Gurguddoo dachii tanaa

1. Blue Whale 

Qurxummiin Blue Whale jedhamu Kiiloo graama 100,000 haga 200,000 ulfaata. Kana jechuun haga midhaan kuntaala 1000 haga 2000 ulfaata jechuudha.  Ulfaatinni qurxummii kanaa ulfaatina nama KG 70,   nama 2600 ni caala.
Qurxummiin kun dheerinni inni lafarra dheeratu, dirree kubbaa kaachoo ykn basket booliitiin wal qixa. qurximmii kana osoo ol kaasanii dhaabanii, dheerina nama 16 ni caala. Nama dheerina jiddu galeessa qabu 16 yoo wal irra dhaaban, qurxummii kanatu caala. Walumaa galatti dheerinni qurxummii kanaa haga meetira 30ti. Arrabni Qurxummii kana arrabni isaa qofti,  Arba Eeshiyaatiin wal qixa. Kunis kilograama 2700taha. Hubadhaa, Arraba isaatu ulfaatina arbaatiin wal qixa.
Onneen isaa ammoo kilograama 600 ulfaata. Kuntaala jaha jechuudha. Uumamni kun nyaatee quufaa laata? Qaama hagana ulfaatuu fi bal’atu, soorata akkamiittu guuta laata?  Rabbiin keenya akkuma ofii uumetti, rizqii isaatis isumatu kennaaf. Guyyatti waan isa barbaachisu bishaanuma keessattis isaaf uume. Sanyiin Qurxummii kun guyyatti soorata kilograama 3600 ta’u soorata.  Kana jechuun guyyaa tokkotti soorata Kuntaala 360 soorata jechuudha.

 

 2. Arba Afrikaa

Bineensota lafarra jiraatan keessaa ulfaatinaan kan hunda caalu Arba Afriikaati. Arbi Afriikaa bineensota lafa irra jiraatan keessaa isa guddaadha. Kormaan Meetira 6 hanga 7.5 kan dheeratu yoo ta’u, lafaa ol ammo haga meetira 3.3 ni ta’a. Kana jechuun, lafaa ol dheerinni isaa ilma namaa lamaan qixa yoo ta’u. eegee isaa irraa kaasee haga kumbii isaa kan jiru ammo dheerina nama 3 ta’a jechuudha. Ulfaatinni isaa ammo haga Kilograama 6000 ti. Avreejiidhaan ulfaatina nama 80tti qixxaaha. Dhaltuun ammoo kormaa irra  gabaabduudha. Gama duraa haga meetira 6.9 dheeratti, lafaa ol ammo meetira 2.7 dheeratti. Ulfaatinni isii haga  Kilograama 3000ti. Haa ta’u malee, dhalaanis ulfaatina nama 40  ni caalti. Arbi Afrikaa kun qaamni isaa akkaan guddaa waan taheef, diina isa sodaachisu tokkollee hin qabu. Haa ta’u malee, ilmooleen  haarawa dhalatan, Leencaa fi Naachaan adamsamuu danda’u.

3.Sattawwaa

Bineensota dachii tanarra miilaan deeman  keessaa wanti haga sattawwaa dheeratu hin jiru. Dheerinni uumama kanaatis meetira 5 haga 6 ni ta’a. bineensi kun kilograama 1600 ulfaata. Waan hunda caala dheeraan morma isaa yoo tahu, Mormi isaa meetira lamaa ol dheerata. kana jechuunis, walakkaan qaama isaa  morma ta’a jechuudha.

4.The Polar Bear and the Kodiak Bear

Bineensota foon sooratan keessaa guddichi (The Polar Bear and the Kodiak Bear) jedhamu.
Bineensota foon sooratan keessaa wanti akka Sanyii Biir guddatuu fi ulfaatu hin jiru. Lafaa ol dheerinni isaa meetira 1.6 yoo ta’u, dagaletti ammo haga meetira 3 dheerata. Polaara Biir Kilograama 1003 ulfaata. Biiriin Magaalli ammo Kilograama 1135 ulfaata. Wanti ajaa’ibaa eddoo jireenya isaaniiti. Keessattu Poolaar biir naannoo cabbii jiraata. Rabbiin isaan uumellee, bakka uumamni biraa hedduminaan hin jiraannetti qaama isaanii guddaa saniif soorata gahaa  hiree jiraachisaa jira.

 5.The saltwater crocodile

Reptaayloota keessaa guddina qaamaatiin sanyii naachaa The saltwater crocodile jedhamu wanti gahaa hin jiru. Dargaggeessi Kormaan Kilograama 409 hanga 1000 ulfaata. Dheerinni isaa ammo meetira4.1 hanga meetira 5.5 ta’a. Naachi Dulloome garuu meetira 6 caala dheeratuu danda’a. ulfaatinni isaatis Kilograama 1000 ol ta’a. sanyiiwwan naachaa hundi Meetira 4.8 bira dabruu hin danda’an. Yoo hedduus dheeratan bakka kana bira hin dabran. Haa ta’u malee, sanyiin The Salt water crocodile jedhamu kun meetira 4.8 bira dabruun haga meetira 6 dheeratuu danda’a. uumamni kun bineensa qubsuma isaa keessa seene tokkollee hin dhiisu. Bishaan keessattis ta’e lafarratti uumamni biraa itti dhufnaan carraan qabu nyaatamuudha.

6.Guchii

Allaattiin guddina qaamaatiin sadarkaa duraa irra jiru ammoo, Guchiidha. Qubsumni uumama kanaatis Afriikaa fi biyyoota Arabiyaati. Kormaan Guchii haga meetira 2.8 dheerata. Ilma namaa meetira tokkoo oliin caala jechuudha. Ulfaatinni isaatis Kilograama 156 ta’a. kunis ulfaatina ilma namaa lama ni ta’a. hanqaaquun uumama kanaatis guddina isaatiin sadarkaa duraa irratti argama. Killeen tokko kilograama 1.4 ulfaata. Saffisni uumama kanaatis kan ajaa’ibaati. Sa’aatii takka keessatti Kilomeetira 97.5 fiiguu danda’a. kanaafuu guddinaan, dheerinnaafi saffisaan Allaattiin guchitti qixxaahu hin jiru jechuudha.
Comments
Loading...