header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Tarkaanfiin Majlisni Federaalaa Obbo Kamaal Haaruun irratti fudhate kan shiraati jadhame

Majlisni Federaalaa xalayaa har’a Koree Boordii Obbo Kamaal Haaruuniif barreesseen miseensummaa irraa kan uggure tahuu beeksise.

Majlisni Federaalaa xalayaa kana irratti sababoota Obbo Kamaal miseensummaa irraa uggureef jidduu, hoggantoota Majlisa duraanii beekkamtii malee hojjiirraa kaasuu, qabeenya Majlisaa harka isaanii ture beekkamtii Mana Marii Ulamaa alatti irraa fuudhu, mindaan hojjattootaa akka hin kaffalamne uggure kan jedhufaadha.

Manni Marii Ulamaa Itoophiyaa fi koreen Boordii Majlisa Federaalaa, Koree jijjiiramaa dhaabbilee hawaasa Muslimaa miseensoota 9 qabuun, filamanii hanga filannoon geggeefamuu ji’a 6 qofaaf bakka buufamani.

Tahus yeroon kennameef dhumuu hordoofuun aangoo itti kenname akka lakkisan yeroo adda addaatti gaafatamaa turuun ni yaadatama. Haaluma kanan tarkaanfiin Majlisni Federaalaa Obbo Kamaal Haaruun irratti fudhate seeraa alaa fi Majlisni Koree Boordii ugguruuf aangoo kan hin qabne tahuun ibsame.

Miseensoota Koree jijjiirama dhaabilee hawaasa Muslimaa 9’n jidduu, Itti gaafatamaan Koree seeraa Ustaaz Kaamil Shamsuu fuula Feesbuk isaarratti “Manni Marii Ulamaa fi Koreen Boordiitis Koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa Muslimaa 9niin yeroodhaaf muudaman, eenyuyyuu wal ugguruu hin danda’u” jechuun barreesse.

Itti ida’uunis “tarkaanfiin Obbo Kamaal Haaruun irratti Koree Boordiirraa ugguruuf fudhatame kun kan seeraa alaa fi kan dharaati. Akkasumas kan shira of keessaa qabu” jedhe.

Dubbii himan koree kanaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalis gama isaatiin tarkaanfiin kun kan fudhatama hin qabnee fi seeraa alatti jedhe.
Itti ida’uunis “Shira hawaasa muslimaa gareen adda qoqqooduuf baheedha, ummanni muslimaa namoonni bakka buufaman yeroon isaaniif Keenname kan dabre tahuu hubachuun, dhaaba isaa karaa seera qabeessaan hundeessuuf of qopheessuu qaba”jedhe.

Obbo Kamaal Haaruun Barreessaa Boordii Majlisa Federaalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button