Ibaadaa

Tawhiidni (Rabbiin tokkoomsuun) haqa Rabbiin Gabroota irraa qabu

Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
{وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنْسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ} [الذاريات: 56]“Ani jinnootaafi namootas ana haa gabbaraniif malee hin uumne.” [Azzaariyaat: 56]
{وَلَقَدْ بَعَثْنَا فِي كُلِّ أُمَّةٍ رَسُولًا أَنِ اعْبُدُوا اللَّهَ وَاجْتَنِبُوا الطَّاغُوتَ} [النحل: 36]Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra. [Annahl: 36]

{وَقَضَى رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا} [الإسراء: 23]Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jira.


(وَاعْبُدُواْ اللّهَ وَلاَ تُشْرِكُواْ بِهِ شَيْئاً)[النساء: 35].
“Rabbiin qofa gabbaraa; isatti homaa hin qindeessinaa.” [Annisaa’i: 35]

Ibn Mas’uud ni jedhe: “namni dhaamsa Nabi Muhammad [SAW] kan dhumaa isii chaappaan isaanii irra jiru ilaaluu fedhe jecha Rabbii armaan gadii haa qara’u:
{قُلْ تَعَالَوْا أَتْلُ مَا حَرَّمَ رَبُّكُمْ عَلَيْكُمْ أَلَّا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا وَلَا تَقْتُلُوا أَوْلَادَكُمْ مِنْ إِمْلَاقٍ نَحْنُ نَرْزُقُكُمْ وَإِيَّاهُمْ وَلَا تَقْرَبُوا الْفَوَاحِشَ مَا ظَهَرَ مِنْهَا وَمَا بَطَنَ وَلَا تَقْتُلُوا النَّفْسَ الَّتِي حَرَّمَ اللَّهُ إِلَّا بِالْحَقِّ ذَلِكُمْ وَصَّاكُمْ بِهِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ (151) وَلَا تَقْرَبُوا مَالَ الْيَتِيمِ إِلَّا بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ حَتَّى يَبْلُغَ أَشُدَّهُ وَأَوْفُوا الْكَيْلَ وَالْمِيزَانَ بِالْقِسْطِ لَا نُكَلِّفُ نَفْسًا إِلَّا وُسْعَهَا وَإِذَا قُلْتُمْ فَاعْدِلُوا وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَى وَبِعَهْدِ اللَّهِ أَوْفُوا ذَلِكُمْ وَصَّاكُمْ بِهِ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ (152) وَأَنَّ هَذَا صِرَاطِي مُسْتَقِيمًا فَاتَّبِعُوهُ وَلَا تَتَّبِعُوا السُّبُلَ فَتَفَرَّقَ بِكُمْ عَنْ سَبِيلِهِ ذَلِكُمْ وَصَّاكُمْ بِهِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ (153)} [الأنعام: 151، 153]Jedhi: “Kottaa! Wantoota Gooftaan keessan isin irratti haraama godhen isin irratti qara’a. Isaanis: Isatti waa qindeessuu dhiisuu, abbaafi haadhatti tola ooluu, ilmaan keessan beelaaf jecha hin ajjeesinaa, Nutu isiniifi isaanis soora; wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’ee waan dhokate itti hin dhihaatinaa; lubbuu Rabbiin [ajjeesuu] haraama godhes haqaan maleetti hin ajjeesinaa. Isa san akka xiinxaltaniif isa isiniif dhaame. [51] Qabeenya yatiimaas yoo toltuudhaan ta’e malee hanga inni umrii cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa; safaraafi madaalas haqaan guutaa. Nuti lubbuu tokkollee waan isheen dandeessutti malee hin dirqisiifnu. Odoma fira dhihoo ta’ellee yeroo jecha (ragaa) kennitanis, haqa dalagaa. Waadaa Rabbiis guutaa. Kana akka isin yaadattaniif isinii dhaama.” [52] Dhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaadhaa, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasan waan ta’eef karoolee baay’ee hin hordofinaa. Akka isin Rabbiin sodaattaniif kana isiniif dhaama.” [Al-An’aam: 51-53]

Mu’aaz bin Jabal irraa odeeffamee [ra] ni jedhe: “harree wahii irratti Nabiyyii [saw] duuba taa’een ture. Nabiyyiin [saw] “Yaa Mu’aaz ‘haqa Rabbiin gabroota irraa qabuufi haqa gabroonni Rabbirraa qaban ni beektaa?” jedhan. “Rabbiifi Ergamaa Isaatu beekan jedhe. Nabiyyiin [saw] “haqni Rabbiin gabroota irraa qabu Isa qofa gabbaruufi Isatti waa qindeessuu dhiisuudha. Haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhiisuudha” jedhan. Anis “yaa Ergamaa Rabbii sila namoota gammachiisuu?’n jedhe. Nabiyyiinis [saw] “isaan hin gammachiisin isa qofarratti hirkatuu” jedhan.
Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Show More

...

Back to top button