Saayinsiif TeknoolojiiTafakkur

Teknoolojii Ajaa’ibaa, Kan Abad hin jijjiiramne.

Ija ilma namaa

Saayintistoonni Ija namaa laalanii kaameraa hojjatan. gurra namaa laalanii Microphone dalagan. allaattii laalanii xayyaara tolchan. waan hunda uumamarraa laallatanii hojjatan. garuu wanti isaan laalan waanuma gubbaarraa mul’atu qofa. uumamni garuu maqoo guddaa namaaf hin mul’anne heddu of keessaa qaba. gaafa dura microphone tolchan waan sagalee waraabuu dandayu qofa hojjatan. meeshaan sagalee waraabu kun waan naannoo sanii dhagahamu hunda numa waraaba. gurri namaa garuu akkasii miti. waan naannoo sanitti dhagahamu keessaa waan xiyyeeffannaa itti kenne qofa dhagaha. waan xiyyeeffannaa itti hin kennin ni irraanfata. fakkeenyaaf osoo nuti mana keessa jirru roobni yoo roobuu eegale. sagalee roobaa yeroo jalqabaa qofa dhageenya. achi booda roobumaahuu irraanfannee haasawa nama nu bira jiruu qofa dhageeyfanna. sagalee roobaa ni irraanfanna. maayikiin garuu kana gochuu hin dandayu. sagalee daqiiqaa 30 walitti dhaabnee yoo waraabne. waan dhagayu hunda ni waraaba. waan takkallee irraanfachuu hin dandayu. saayintistoonni microphone dalagan dubbiin tun yaaddoo itti taatee furmaata barbaaduu eegalan. gurri namaa akkamitti waan biroo irraanfachuu dandaya jedhanii wayta qoratan. tooftaa ajaa’ibaa arganii ammas sanirraa laallatan. itti aansuun microphone haaraya tolchan irratti Noise reduction itti ida’an. kun sagalee duubarraa dhagayamu ukkaamsee sagalee dhihoo jiru qofa qulqulleeysa. haala kanaan waan woyyaa qabu hojjachuu dandayanis, haga ammaa microphone akka gurra namaatti dhagayu hojjachuu hin dandeenye.

 

Gama ijaa yoo dhufnu ammoo Ajaa’iba san daraniitu jira. ijji namaa waan Aayiriis (iris) jedhamu qabdi. Aayriis kun agartuu iraa marsee argama. wayta ifni guddatu walitti cufamee agartuu tiysa. wayta ifni xiqqaatu ammoo adda banamee agartuudhaaf hulaa bal’isa. saayintistoonnis waan kanarraa laallatanii ayiriis kaameraa kana tolchan. achi booda sensor, shutter… fi waan heddu waan ija ilma namaa keessatti argamu hunda camera irratti tolchanii qopheessan. Bu’aa bahiin kaameraa tolchuuf keessa dabran haalaan dheeraadha. Kaameraan jalqaba tolchan guddinni isaa mana jireenyaa tokkoon walitti dhihaata. Ifaajee heddu booda kaameraa xiqqaa namni tokko kophaa isaa ol fuudhuu danda’u hojjatan. achi booda nama camera waraabu leenjisanii itti kennan. namichis kaamericha qabatee manaa bahee waraabbii eegale. wanti inni waraabu hundi ni hollata. viidiyoon tokkos qajeelee hin mullatu. maali dubbiin tun jedhanii qorannoo biroo eegalan. achi booda furmaata biroo argatanii namicha kaameraa kaasutti himan. innis kaameraa ceekuurra kaayyatee akka hin sossoone godhuuf yaalii godhe. garuu hin milkooyne. hanga duraa irra wayyaa tahus akka isaan yaadan hin taane. kanaafuu furmaata biroo barbaaduun dirqama. furmaanni isaan boodarra fidan miila kaameraan irra dhaabbatu ykn Tripod tolchuudha. sanis haala gaariin hojjatanii nama kaameraa waraabu kanatti kennan. innis meeshaa kana fudhatee gama dalagaa bobbahe. amma waan gaaritu argame. viidiyoon waraabbame hundi ni bareeda. hollannaan duraa sun hin jiru. garuu ammas waan nama dhibu guddaatu argame. silaa kaameraa ija namaa irraa laalanii hojjatan. kaameraan isaan tolchan kun miila qopheeffameef kana irra dhaabbatu malee viidiyoo bareeda waraabuu hin dandayu. ilmi namaa garuu akkasii miti. waa laaluuf dhaabbachuun dirqamaa miti. akka traayippoodiin kaameraa miila sadihiin dhaabbatutti dhaabbadhuu laaliin hin jirtu. yoo barbaadde deemaa, barbaaddu fiigaa, barbaaddu utaalaa waan feete laalta. ati utaalteef wanti ati laalutti jirtu si jalaa hin hollatu. wayta makiinaan deemtu osoo makiinaan ati keessa jirtu hargufamu kitaaba dubbista. kitaaba dubbisuu fedhaa makiinaa naaf dhaabaa hin jettu. duuba ijji namaa akkamitti waan kana gochuu dandaye?

 

Mee waan kana haala gaariin hubachuuf tooftaa tokko fayyadamnee haa laallu.  waraqaa barreeffama qabu tokko fuudhii of dura kaayi. achi booda akka nama dannasuu mataa raasaa barreeffama kana dubbisi. rakkoo tokko malee barreeffamicha dubbisuu dandeeysa. hayyee amma telefoona kee fuudhii kaameraa bani. akkuma reefuu san akka nama dannasuu asiifi achi socho’aa waraqaa san waraabi. achi booda viidiyoo waraabde san irraa barreeffama waraabde san dubbisuu yaali. barreeffamaa mitii footooyyuu hin argitu. Wanti ajaa’ibaa telefoonni yeroo dhihoo oomishame kan gatii qaaliin bitamu hundi waan kanaaf furmaata qaba. Yoo telefoona hammayyaatiin waan asii olitti dubbanne goote dubbiin tun soba tahuu malti. Qabxii tana booda itti deebina.

 

Saayintistoonni waan kana hubachuudhaaf qorannoo guddaa godhan. qorannoo dheeraa booda meeshaa Steadicam jedhamu hojjatan. meeshaan kun kaameraan akka ija namaatti akka waa argu gargaara. meeshaan meeshaa Ajaa’ibaati. gatiin isaatis qaaliidha. garuu qaalawiinsa gatii caalaa wanti nama yaaddessu guddina isaati. namni meeshaa kana fayyadamuu fedhe, akka farda kooraafi fuuloo itti hidhanii sibiila heddu ofitti hidhuun dirqama isaati.

Steadicam yaalii yeroo dheeraa booda hojjatame

Meeshama kana baadhatanii deemuunuu ba’aa ulfaataadha.  qabattoon sibiilaa guddaan tokko handhuura biraa ka’ee, ceekuu gubbaan bahee, duyda duuba naannawee mudhii irraan maramee handhuuratti deebi’a. sibiilli guddaan tokko ammoo handhuuraafi duydarraa ka’ee harka mirgaa jalaan achi diriira. sibiilli kun harkuma namaa fakkaata. sibiilli biroo guddaan tokko ammoo gama miilaa gad rarra’ee dhaabbata. Jalarraan ammoo sibiilli akkaan ulfaatu kan madaala eegu itti hidhama. xumurarratti kaameraan sibiila hagana guddatu kanarratti hidhama. teknoolojiin saayintistoonni hagana itti rakkatan kun, ija hantuutaa, ija raachaa, ija tayfiifi tuhaanaa keessas ni jira. ijji uumama hundaa teknoolojii dachaa kumaatamaan kana caalu qabu.

Steadicam yeroo dhihoo hojjatame (kan hammayyaawe)

Saayintistoonni ammas gammachuu hin arganne. viidiyoo qulqulluu waraabuuf meeshaa kana hunda baadhatanii deemuun waan gaarii miti. miilli kaameraa irra dhaabanis yeroo hunda namaaf hin mijjaawu. fakkeenyaaf nama fiigu yoo waraabuu fedhan kaameraa traayipoodii irra dhaabanii waraabuun waan tahuu miti. kaameraa qabatanii faana fiiguunis hin taatu. Steadicam kanas hidhatanii waraabuun ulfaataadha. yeroo hunda meeshaa kana baadhatanii deemuun waan hin danda’amne. kanaaf furmaata biroo barbaaduu itti fufan.

Gimbal (Steadicam harka tokkoon ykn lamaan qabatanii itti fayyadaman)

Qorannoo yeroo dheeraa booda rakkoo kanaaf furmaata argatan. teknoolojii ija namaa keessatti dhokate kana kaameraa keessatti hojjachuuf sochii eegalan. ijji uumamaa teknoolojii ajaa’ibaa qabdi. Sunis Optical Stabilization jedhama. kana jechuun, wayta mataan keenya hargufamu, ijji teenya waliin hin hargufamtu. wayta mataan socho’u ijji bakkuma duraa dhaabatti. qaamni ijaa socho’us, agartuun garuu bakkuma irratti xiyyeeffatte sanitti goydee hafti.  duuba kaameraanis akkanatti akka hojjatu maaliif godhuun dadhabame? saayintistoonni qorannoo dheeraa booda teknoolojii kana kaameraa heddurratti galchuu eegalanii jiru. telefoonni hammayyaa hedduun Optical stabilization kana qaba. fakkeenyaaf Samsung Galaxy S8, S9, S10, S20, iphone 7, 8, 10, 11, 12 fi telefoonni gurguddaan heddu teknoolojii kana ni qaba. tahus garuu akka ija namaatii miti. wayta viidiyoo waraaban akka kaameraa biroo viidiyoo hargufamu hin waraaban. viidiyoo tasgabbii qabu waraabu. garuu akka ija namaatii miti. ammas qorannoofi qo’annoon itti fufee jira. bu’aa qorannoo kanaatiin meeshaan biroo kan Gimbal jedhamu oomishamee magaalaarra oolee jira. meeshaan kun teknoolojii Steadicam jedhamuun waluma fakkaataadha. garuu akka Steadicam guddaa miti. waanuma xiqqoo harkatti qabatan waan taheef namuu haala salphaan fayyadamuu dandaya. gatiin isaatis akka Steadicam haalaan qaalii miti.

Optical Image Stabilization (OIS) kan kaameraa Telefoonaa keessatti hojjatame

Walumaa galatti ijoon dubbii teenyaa, teknoolojiin Rabbiin qaama ilma namaa keessatti uume waan lakkaawamee dhumuu miti. nuti ija teenya arguu isii qofa beeyna malee haala ummama isii tafakkurree hin beeynu. wantoonni nuti quba hin qabne kan saayintistoonnis hin argin kan qaama keenya keessatti argaman haalaan heddu. Rabbiin guddaan dandeettii isaatiin uumama kana waa hundaan faayee uume. nutu dandeettii isaa irraanfatee dandeettii makhluuqaa dinqisiifachutti seene malee. Ija ilma namaa tan haala ajaa’ibaatiin uumamte tana caalaa, kaameraa mobaayila irra jirutu ajaa’iba nutti taha. Allaattii samirraa barristu caalaa xayyaara ilmi namaa hojjatetu nu ajaa’iba. kennaa Rabbiin keenya nu badhaase hunda irraanfannee, teknoolojii ilmi namaa oomishe qofa jala deemutti jirra. kanaaf waa hundaan booddetti hafne. saayintistoonniifi hayyoonni gurguddoon yeroo hunda uumama tafakkuran. uumamaalee hundarratti xiyyeeffatanii waan haaraya irraa barbaadan. icciitiin hundi uumama keessa jira. wanti ilmi namaa tolche hundi guyyarraa fooyyeffamaa deema. wanti duraan ture hundi ni moofa. haarofni faarfamaa itti fufa. uumamni garuu yeroo hundaa haarayuma. yeroo hundaa teknoolojii bara hundaati. qaama ilma namaa irraa wanti fooyyeffame hin jiru. Rabbiin guddaan uumama hunda gaafuma uumu wal qixxeessee uume. eega uumee booda wanti inni fooyyesse hin jiru. funyaan ilma namaa kun as biraa ka’ee osoo kallacha gubbaa tahee bareeda jedhee hin fooyyessine. gaafuma duraa waa hunda guutee uume. of duras akkanumatti itti fufa. kanuma hin jijjiiramne kanatu hoggayyuu ajaa’iba tahaa itti fufa. Rabbii uumaa waa hundaa tahe galanni haa gahu.

 

 

 

Show More

2 Comments

...

Back to top button