header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Saayinsiif Teknoolojii

Tile (Meeshaa Furtuu namaa barbaadu)

Telefoona keenya yoo mana keeysatti bakka keenne dhabne, telefoona nama birootiin itti bilbillee yoo inni yaame barbaannee argina. furtuun yoo dhabame hoo? teknoolojiin haarawa dhufe kun, “amma booda furtuu eessa kaaye jettanii barbaadaa ooluun hafe” jedha. meeshaan kun haalaan xiqqaadha. furtuu irratti hidhuu ykn wallet(boorsaa) keessa kaayachuu ni dandeenya. achi booda softweer isaa install goonee, telefoona keenyaan wal qabsiisna. yoo fortuu bakka keenne wallaalle, telefoona keenya bannee FIND jennaan. hoggasuma bakka jiruu iyyuu eegala. sagalee isaa dhageeyfataa barbaannee argachuu ni dandeenya jechuudha. haaluma wal fakkaatuun yoo telefoonas dhabne, meeshaa Tile jedhamu kanarraa Button takka tuyna. yeroo san telefoonni keenyas iyyuu eegala. akkanatti wal barbaada teknoolojiin.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Tile meeshaa xiqqaa gatii rakishaan bitamu yoo tahu, faaydaan isaa garuu haalaan guddaadha. habbaan tokko Amazon irratti $25 qofa. guyyaa hunda furtuu dhabanii barbaadaa ooluu irra, Tile $25n bitanii barbaacharraa oolutu irra woyya fakkaata.

One Comment

  1. as wr wb akkami jirtan obbolewwan aakira qphiin kessan bayye baayye gaaridha haalumakanan itti fufaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button