Categories: Odeeyfannoo USA

Traamp qorannoo yakkaa isarratti jalqabame ilaalchisee qondaaltonni ragaa akka hin baane dhoorkuuf aangoo kan hin qabaanne tahuu ibsame

Advertisements

Kongrasiin Ameerikaa Prezdaant Traamp aangoo isaa seeraan ala fayyadamee jira jechuun, qorannoo yakkaa jalqabuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun Prezdaantichi qorannoon narratti baname seeraan alaa fi aangoo irraa na fonqolchuuf shira warri paartii dimokraatotaa narratti banan jechuun falmata jira. Haaluma kanaa Wajjirri Prezdaantichaa ragaalee namaa fi sanadii qorannoodhaaf barbaachisan kan hin kennine tahuu beeksise.
Kanuma hordofuun Kongirasiin Ameerikaa dhimmicha gara mana murtiitti geeysee ture. Haaluma kanaan Abbaan murtii Federaalaa Ameerikaa dhimmicha ilaalaa ture, qondaaltota ragaaf barbaadaman keessaa Waayit Haawusitti gorsaa seeraa kan ture Donald Mc Ghan waamicha dhiyaateef kabajuun, Prezdaant Traamp aangoo irraa kaasuuf koree qorataa jiru duratti dhihaatee ragaa ba’uu akka qabu murteessee jira.
Abbaan murtii Ketaanji Jaaksan akka jedhetti, “qondaaltota amma hujii irra jiranis ta’ee warra ammaan dura aangoo irra turan, Koree qorattoota yakkaa duratti dhiyaatanii raga akka hin baane dhoorkuuf Prezdaant Traamp angoo tokkollee hin qabu” jedhe. Murtii kana hordofuun abukaatonni Mc Gahn akka jedhanitti, maamilli isaanii waamicha kongirasii fudhatee koree qorattoota yakkaa duratti ni dhiyaata.
Bulchiinsii Traamp gama isaatiin murtii abbaa seeraa kana irratti ol-iyyannaa dhiyeeffachuuf tahuu ibse.
Qondaaltota dhiyaatanii raga ba’u didan keessaa ministeera haajaa alaa Amerikaa Mike Pompeyoo, gorsaa dhimma nageenyaa duraanii John Bolton fi itti aanaan hogganaa bulchiinsa Waayit Haawus keessatti argaman.

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Saa’uudii itti aanaa ministeera haajaa alaatiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…

2 hours ago
  • Og-Barruu
  • Seenaa

Luqmaan Al Hakiim, Akkamitti Hakiima Ta’e?

Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…

24 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Iluu Abbaa Boor keessatti muudateen lubbuun nama 11 dabru gabaafame

Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Komishiiniin Gamtaa Awrooppaa deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallatteeffame

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo malaamaltummaan shakkaamee hidhame

Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Paartileen Morkattootaa 10 waliin hojjachuuf Walii galtee mallatteessan

ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…

3 days ago