header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Turkiyaa fi Qaxar dararaa Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwataa jirtu balaaleffatan

Hoggantoonni biyyoota lamaanii kora walii galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 74ffaa, Ameerikaa magaalaa New York keessatti geggeeffamaa jiru irratti haasaya wal duraa dubaan godhaniin, Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte keessatti dararaa raawwattuu hammeessitee itti fuftee jirti jechuun yakkan.

 

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan kora Kana irratti hoggantoota biyyoota addunyaatiif dhimoota heddu irratti kan dubbate yoo tahu, keessumattuu dhimma Falasxiin ilaalchisee “Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte keessatti hammeenyi  raawwataa jirtu, yeroo ammaa dararaa hamaa addunyaa keessatti  raawwatamaa jiran jiddu isa hamaadha; Suuraan dubartii Falasxiin dhiheenya kana haala sukkanneessaa taheen loltoota Israa’eliin daandii irratti ajjeefamte qofti , yoo miira hoggantoota kora kanaatti hin dhagayamne tahe, namoomni addunyaa kana irraa badee jira jechuun alatti hiikkaa biroo hin qabu”jedhe.

 

Prezdaant Erdogaan itti dabaluudhaanis, “Israa’el dachiin kanaan dura humnaan qabatte akka waan isii hanqatee,  ammas guutuu Falasxiin too’achuuf jecha karoora baastee Falasxiinota buqqisuu itti fuftee jirti”jechuun yakke.

 

Erdogaan haasaya isaa kanaan, hoggantoonni addunyaa jibbiinsa muslimoota irratti xiyyeeffate qolachuudhaaf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatanis waamicha godhee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Amiirri Qaxar Sheik Tamiim Bin Hammaad Al-Saanii haasaya kora kana irratti godheen, Israa’el uggura Gaazaa irra keettee akka hammeessitee fi iddoowwan seena qabeessa  tahan kanneen akka magaalaa Al-Qudsi keessa jiranii ammoo toftaan kan balleessaa jirtu tahuu ibse.

 

Sheik Tamiim itti dabaluudhaanis, “hawaasni addunyaa dararaa Falasxiinotaa kana haqaa fi seenaa dhugaa irratti hundaayee yoo furuu barbaade, daangaa bara 1967 ture keessatti biyya walabaa Falasxiinotaa magaalaan guddoo isii Al-Qudsi taateef beekkamtii kennuun, Israa’el dachii Arabootaa humnaan qubatte hunda keessaa bahuu qabdi”jedhe.

Sheikh Tamiim UNGA

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button