Categories: Odeeyfannoo USA

Turkiyaa fi Qaxar dararaa Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwataa jirtu balaaleffatan

Advertisements

Hoggantoonni biyyoota lamaanii kora walii galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 74ffaa, Ameerikaa magaalaa New York keessatti geggeeffamaa jiru irratti haasaya wal duraa dubaan godhaniin, Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte keessatti dararaa raawwattuu hammeessitee itti fuftee jirti jechuun yakkan.

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan kora Kana irratti hoggantoota biyyoota addunyaatiif dhimoota heddu irratti kan dubbate yoo tahu, keessumattuu dhimma Falasxiin ilaalchisee “Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte keessatti hammeenyi  raawwataa jirtu, yeroo ammaa dararaa hamaa addunyaa keessatti  raawwatamaa jiran jiddu isa hamaadha; Suuraan dubartii Falasxiin dhiheenya kana haala sukkanneessaa taheen loltoota Israa’eliin daandii irratti ajjeefamte qofti , yoo miira hoggantoota kora kanaatti hin dhagayamne tahe, namoomni addunyaa kana irraa badee jira jechuun alatti hiikkaa biroo hin qabu” jedhe.

Prezdaant Erdogaan itti dabaluudhaanis, “Israa’el dachiin kanaan dura humnaan qabatte akka waan isii hanqatee,  ammas guutuu Falasxiin too’achuuf jecha karoora baastee Falasxiinota buqqisuu itti fuftee jirti” jechuun yakke.

Erdogaan haasaya isaa kanaan, hoggantoonni addunyaa jibbiinsa muslimoota irratti xiyyeeffate qolachuudhaaf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatanis waamicha godhee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Amiirri Qaxar Sheik Tamiim Bin Hammaad Al-Saanii haasaya kora kana irratti godheen, Israa’el uggura Gaazaa irra keettee akka hammeessitee fi iddoowwan seena qabeessa  tahan kanneen akka magaalaa Al-Qudsi keessa jiranii ammoo toftaan kan balleessaa jirtu tahuu ibse.

Sheik Tamiim itti dabaluudhaanis, “hawaasni addunyaa dararaa Falasxiinotaa kana haqaa fi seenaa dhugaa irratti hundaayee yoo furuu barbaade, daangaa bara 1967 ture keessatti biyya walabaa Falasxiinotaa magaalaan guddoo isii Al-Qudsi taateef beekkamtii kennuun, Israa’el dachii Arabootaa humnaan qubatte hunda keessaa bahuu qabdi” jedhe.

Recent Posts

  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Humni galaana Turkiyaa doonii dhaabbata qorannoo Israa’el Galaana Medtiraaniyaan keessaa baase

Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo…

11 hours ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantii Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir irratti hidhaan waggaa lamaa murtaahe

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame…

2 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Filannoo guyyaa kaleessaa Briteenitti geggeeffameen Paartiin Conservative injifate

Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa Suudaan jiran “dararamaa jirra” jedhan

Lammileen Itoophiyaa biyya Suudaan magaalaa Kaartuum jiraatan sababa waraqaa jireenyaatiin walqabatee waraana biyyattiin qabamanii manneen hidhaatti kan darbatamaa jiran tahuu…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni 71 ajjeefaman

Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa'uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen…

3 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Briteen mana maree biyyattii keessatti bakka bu’oota isaanii filachuuf sagalee kennaa jiran

Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii…

3 days ago