header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaa, Pakistaan fi Maleezhiyaan Chaanaalii Televizhiinaa jibbiinsa Islaamaa qolachuu irratti hojjatu waliin hundeessuuf walii galan

Hoggantoonni biyyoota sadeenii Kora UN cinatti wal arguun, haala jibbiinsa Islaamaa babal’ataa dhufe qolachuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo tahu, haaluma kanaan rakkoo addunyaa keessatti babal’ataa dhufe kana qolachuuf tooftaan duraa,  bareedina Islaamummaan qabdu addunyaa barsiisuu akka tahe walii galan. Haaluma kanaan biyyoonni sadeen Chaanaalii Televizhiina Afaan Inglishiin Islaamummaa irratti hojjatu,  waliin banuudhaaf kan karoorfatan tahuun beekamee jira.

 

Muummichi Ministeera Paakistaan Imraan Khan karoora kana ilaalchisee Arba’aa kaleessaa Twitter isaa irratti “guyyaa hardhaa Prezdaant Erdogaan, Muummicha Ministeeraa Dr. Mahtiir Muhammad fi ani marii geggeessineen, Chaanaalii Afaan Ingliishii kan jibbiinsa Islaamummaa qolachuu irratti xiyyeeffatu gamtaan banuudhaaf walii gallee jirra. Chaanaalichi namoota amantaa keenya kabajamaa kanaaf ilaalcha dogongoraa qaban barsiisuu irratti xiyyeeffata”jedhe.

 

Imraan Khan itti dabaluudhaanis, Chaanaaliin karoorfame kun ilaalcha dogongoraa sirreessuun alattis, seenaa fi qaroomina Islaamaa irratti sagantaaleen ummata musliimaa fi addunyaa guutuu barsiisan ni qophaahu jedhe.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button