header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Turkiyaan finciltoota Kurd irratti duula banuu isii beeksifte

Prezdaantiin Turkiya Rajab Xayyib Erdogaan biyyi isaa finciltoota Kurd kanneen daangaa Suuriyaa fi Turkiya keessa maandheffatan irratti duula lafoo kan jalqabde tahuu beeksise. Torbaan dabre keessa qondaaltonni Ameerikaa riphee loltoota Kurdii Suuriyaa keessatti maandheffatan eega daaw’atanii booda, Waraanni Turkiyaa guyyota muraasa dura magaala Suuriyaa tan Afriin jedhamtu qilleensa irraan haleeluu jalqabe.

Prezdaant Erdogan haasawa sabtii har’aa godheen,  waraanni biyya isaa magaalota Suuriyaa too’annaa finciltoota Kurdi jala jiran kanneen akka Afriin fi Maanbiij yeroo gababaa keessatti finciltoota jalaa baasuudhaaf duula bal’aa banuu beeksise.

Mootummaan Suuriyaa duula Turkiyaa kana balaaleffachuun, waraanni Ameerikaatis gargaarsa finciltoota Kurdiitiif goodhu dhaabee akka biyya isaatii bahu akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button