header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan Kaaba-Lixa Suuriyaa keessatti duula waraana kan geggeessuu maltu tahuu akeekkachiiste

Duula waraanaa mootummaan Suuriyaa naannawa Idlib keessatti geggeessaa jiru hordofuun, Turkiyaan baatii dabre irraa jalqabee finciltoota deeggaruun loltoota isii gara naannichaa erguun ni yaadatama. Haata’u malee mootummaan Suuriyaa walii galticha cabsuun ji’a lama dura xiyyaarota waraana Raashiyaatiin deeggaramuun naannawa Kaaba-Lixa biyyattii keessatti haleellaa jalqabeen, gandoota baadiyyaa naannawa magaalaa Halab, daandii Halaba fi Damashiq wal qunnamsiisuu fi akkasumas naannoolee kutaa Idlib keessa jiran heddu kan too’ate tahuu gabaafame.

Turkiyaan mootummaan Raashiyaa deeggarsa waraanaa Bashaar Al Asaadiif kennu akka dhaabu dhiibbaa godhaa kan turte tahus hanga ammaa hin milkoofne. Keessumattuu qondaaltonni biyyoota lamaanii Wixata dabre irraa jalqabee marii Moskoo keessatti geggeessaa jiraniin walii galtee irra gahuu dadhabuu isaanii hordofuun, Turkiyaan Kaaba Lixa Suuriyaa keessatti duula waraana kan geggeessuu maltu tahuu akeekkachiiste.
Prezdaant Erdogaan Arba’aa har’aa seera tumtoota paarlaamaa biyyattiitiif ibsa kenneen, “waraanni mootummaa Suuriyaa fi michuuwwan isaa hatattamaan kutaa Idlib keessaa yoo kan hin baane tahe, Turkiyaan xumura ji’a kanaa duula bal’aa kan jalqabdu tahuu akeekkachiisna”jedhe.

Turkiyaan walii galtee kanaan dura Raashiyaa fi Suuriyaa waliin mallatteessite irratti hundaayuun, buufataalee waraanaa 12 nannawa Idlib keessaa kan qabdu yoo tahu, akkaatuma walii galtee kanaatiin Turkiyaan sochiin waraanaa naannichatti akka hin geggeeffamne akka too’attu; mootummaan Suuriyaa fi finciltoonni ammoo naannawa Idlib keessatti sochii waraanaa akka hin geggeessine dhoorkamanii turan.

Duula waraana mootummaan Suuriyaa harayatti jalqabe kana hordofuun lammiileen biyyattii miiliyoona tokkoo ol tahan, gara daangaa Turkiyaatti kan baqatan akka tahee fi baatii lamaan dabran keessa qofa lammiileen nagayaa 300 ol haleellaa waraana mootummaatiin kan ajjeefaman tahuu gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii irraa bahe ni addeessa.

 

2 Comments

  1. As Wa Wb Akkami Nufnee nusimadhaa Gaafi tokoon qaba
    Gafiin koo Dubbartiin takka yoo qalama diimaa yoo dibbatte halali moo harami

  2. As Wa Wb Akkami Nufnee nusimadhaa Gaafi tokoon qaba
    Gafiin koo Dubbartiin takka yoo qalama diimaa yoo dibbatte halali moo haarami

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button