Advertisements
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan Waraana Mootummaa Suuriyaa rukutuu kan itti fuftu tahuu akeekkachiifte

Duula waraanaa mootummaan Suuriyaa naannawa Idlib keessatti geggeessaa jiru hordofuun, Turkiyaan baatii dabre irraa jalqabee finciltoota deeggaruun loltoota isii gara naannichaa erguun ni yaadatama. Kanuma hordofuun waraanni mootummaa Suuriyaa torbee dabre keessaa haleellaa raawwateen loltoonni Turkiyaa 13 eega ajjeeffamanii booda, tarkaanfii haaloo bahuu waraanni Turkiyaa fudhateen ammoo loltoonni Suuriyaa 100 ol ajjeefamuu gabaafame.

Walitti bu’iinsa biyyoota lamaan jiddutti hammaataa dhufe ilaalichisee Prezdaant Erdogaan Arba’aa har’a paarlaamaa biyyattiitiif ibsa kenneen, “kana booda Suuriyaan waraana Turkiyaa naannawa Idlib keessa jiru irratti yoo kan aggaamtu tahe, Turkiyaan qilleensaa fi lafoo dabalatee humna guutuun mootummaa Suuriyaa irratti tarkaanfii ni fudhatti” jechuun akeekkachiise. Erdogan akka jedhetti, loltoonni Turkiyaa naannawa Idlib keessa kan qubatan walii galtee kanaan dura Raashiyaa, Turkiyaa fi Suuriyaan walii mallatteessan irratti hundaayuun tahuu hime. Akka walii galtee kanaatti mootummaan Suuriyaa naannawa Idlib keessatti sochii duula waraanaa akka hin geggeessine kan dhoorku yoo tahu, dabalataanis raawwii walii galtee kanaa too’achuuf Turkiyaan buufatalee waraanaa 12 naannawa Idilib keessatti akka dhaabduu hayyamamee kan ture tahuu ibsame.

Haata’u malee mootummaan Suuriyaa walii galticha cabsuun ji’a lama dura naannicha keessatti haleellaa kan jalqabe yoo tahu, duula waraana mootummaa kana hordofuun lammiileen biyyattii 700,000 ol tahan, gara daangaa Turkiyaatti kan baqatan tahuu gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii irraa bahe ni addeessa.

Advertisements
Tags
Show More

4 Comments

...

Back to top button
Close
Close